Xurree ittiin seenan

Breaking News

Duula Filannoo Ameerikaa Kutaalee Falmisiisoo Keessatti Itti Fufe


Prezidaant Doonaald Tramp fi mormituun isaanii Joo Baayiden filannoo prezidaantummaa Sadaasa 3 kan torban lama booda geggeessamuuf jiruuf kutaalee filannoo cimaan keessatti geggeessaman keessatti uummata dadammaqsaa jiran. Tramp Dilbata kaleessaa gara hiriira geggeessamutti utuu hin bobba’in dura waldaa Kirstaanaa Nevaadaa Kaarsen sitii jiru daawwachuu dhaan guyyaa isaanii jalqaban.

Nevaadaan yeroo tokko irra kutaa filannoo cimaan keessatti geggeessamu turte, garuu erga bara 2004 qabee kaadhimamaa garee Ripaablikaanotaaf hin baabsine. Joo Baayiden immoo sagada Deliweer keessaa irratti hirmaachuu dhaan booda irra gara North Caroliana-tti qajeelan. Kaadhiamaan prezidaantii garee dimokraatotaa erga bara 2008 kan Barak Obamaa as North Caroliana hin injifanne.

Hiriira sana irratti namoonni kumaan laka’aman walitti siqanii kan irratti hirmaata yoo ta’u Trampiin jajjabeessuu fi Baayiden fi sabaa himaa irratti mormii qaban ibsaa turan. Vaayiresiin koronaa kutaa sana kessatti dabalaa adeemee namoonni 1000 haaraan sambata darb qabamanis of irraa ittisuuf haguuggii funyaanii fi afaanii namni kaayyate hin turre.

Prezidaantichi Baayiden yoo injifatan dinagdeen akka cufatu godhu jechuun akeekkachiisanii, kan isaan hayyoota saayinsiin dhaggeeffadha jedhanitti qoosan.

Isaan hayyoota saayinisii dhaga’u, utuu ani hayyoota saayinsiin dhaga’a ta’e biyya dhiphina sammuun guutamte qabaanna turre jedhan Tramp. Kaadhimamtoonni lamaan daandii gara injifannootti geessu barbaaduuf kutaalee isaan gargaaran daawwata jiran. Garuu akkaata deggersi dorgommii kanaa itti deemaa jiru haala ajaa’ibaan tasgabbaa’aa dha.

Baayiden deggersa sadarkaa biyyoolessaa argatanitti kan gammadan yoo ta’u kutaalee dorgommii cimaan keessatti geggeessamu keessatti garauu deggersi isaan qaban hagas guddaa miti.

XS
SM
MD
LG