Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaa Irraa Lakkoobsi Namoota COVID-19n Qabamanii Miliyoona 40 Darbe 


Waaltaan qorannoo kan Joons Hopkins hanga Wixata ganamaatti namoonni 40,050,902 vaairesii koronaan kan qabaman yoo ta’u miliyoonni 1.1 du’uu beeksisee jira.

Kan dhiyeenya vaayiresii kanaan qabaman jaarsa araaraa fi muummicha barreessaa jarmayaa bilisummaa Faalisxiin Saa’eb Erekat yoo ta’an dilbata kaleessaa gara hospitaala Jerusalemitti geessamuu dhaan meeshaan qilleensa hafuura baafachuuf gargaaru irra kaa’amee jira.

Kan umuriin waggaa 65 Erekaat jalqaba baatii kanaa COVID-19n kan qabaman yoo ta’u bara 2017 keessa Yunaayitid Isteetis keessatti wal’aansa baqaqsanii hodhuutii sombi isaanii bakka bu’eefii ture. Kunis dandeettii isaan dhibee ofi irraa ittisuu dadhabsiisee, vaayiresichaaf isaan saaxile.

Namni ka biroon beekamaan dhibee kanaan qabaman ministeera eegumsa fayyaa Afriikaa Kibbaa Zewelii Mikhizee ti. Isaanii fi haati warraa isaanii mallattoo laaffataa kan vaayiresichaa erga of irratti argaii booda qabamuu isaanii kan beeksisan kaleessa ture. Afriikaa kibbaa eesssa uumata 700,000tu koronaan qabaman.

Yunaayitid Istees keessaa uummati miliyoonni 8.1 COVID-19n yoo qabaman kanneen kuma 220,000 ta’an du’aniiru. Xaaliyaanii, Ferensaayii fi magaalaaleen Briteen weerara lammataa vaayiresii kanaa ittisuuf uggura sochii haaraa kaa’aa kan jiran yoo ta’u, magaalaan Awustiraaliyaa Melborn immoo qalbii dhaan uggura cimaa baatilee sadii laaffisaa jiarti.

XS
SM
MD
LG