Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haasaan Prezidaant Traamp Mormiin Isa Mudatee Jira


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Torban dabree haariiroo diploomaasii Sudaan fi Israa'eel gidduu furuu kan ilaaleen Traamp sirna gaggeessan irratti Masriin hidha Abbayyaa kan Itiyoophiyaan ijaaraa jirtu diiguu akka dandeessu dubachuu isaanii mormuun hiriirri tokko Kamiisa Onkolooleessa 29 bara 2020 Waayit Hawuus duratti gaggeeffamee jira.

Lammiwwan Itiyoophiyaa fi kannen hidda dhala Itiyoophiyaa qabaniin hiriirri gaggeeffame kana irratti abbaa biyyummaa Itiyoophiyaa fi nageenya uummataa, waluumaagala kanajaa keenya haala tuqeen Traamp haasaan dhageesiisan wal waraansa kan kakaasuu fi kan nu mafachiise jedhu hiriirtonni.

Gama kaaniin miseensoonni Kongreesa Amerikaa kanneen hidda dhalata Afrikaa kan keessatti heddumaatan "Kongreeshinaal Blaak Kokas" Twitarii ofii irratti akka baaseetti jecha Traamp mormee jira.

Maal na dhibeen kan dubbatamee, muddamiinsa kan hammeessuu jechuun balaaleeffachuu isaa Habtaamuu Siyyuum gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG