Xurree ittiin seenan

Breaking News

UNHCR fi Michoonni Isaa Baqattoota Walitti Bu’iinsa Tigraay Jalaa Dheessan Gargaaruuf Deggrsa Doolaara Miliyoona $156 Gaafate 


Faayilii - Namoota wal-waraansa naannoo Tigraay keessaa baqatanii Sudaanitti godaanan, Muddee 16, 2020
Faayilii - Namoota wal-waraansa naannoo Tigraay keessaa baqatanii Sudaanitti godaanan, Muddee 16, 2020

Jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa UNHCR, michoota gargaarsa namomaa 30 waliin ta’uu dhaan deggersa hatattamaa doolaara miliyona $156 gaafatee jira.

Maallaqi deggersaa gaafatame kun gargaarsa namoomaa kkaan barbaachisu baqattoota walitti bu’iinsa naannoo Tigraay keessaa dheessaniif hanga walakkeessa bara 2021tti ga’u jedhameera.

Deggersi kun itti dabaluu dhaan biyyoonni naannoo sanaa ka biroon sochiin baqattootaa itti itti dabalaa yoo jiraate baqattoota simachuu akka danda’aniif qoophee jiru ka cimstu ta’uun ibsamee jira.

Torbanneen ja’an darban keessa baqattoota 52,00 naannoo Tigraayirraa gara Sudaan gama bahaatti baqatan. Yeroo dhiyoo baqattoonni haaraa gamas seenan lakkoobsi isaanii gad hir’atu iyyuu, jaarmoliin grgaarsaa kurna hedduu keessatti gandeen baadiyyaa fagoo irraa godaantota yaa’an akkasitti arganii kan hin beekne ta’uun beekamee jira.

XS
SM
MD
LG