Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maqaa fi Mallattooleen Naannoo Amaaraa Keessaa Eenyummaa Uummatichaa Hin Mul’isne Jijjiiramuu Qaba: Bulchiisa Naannoo Amaaraa 


Faayilii - Magaala Baahir Daar
Faayilii - Magaala Baahir Daar

Naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaar keessatti mooraa siidaa wareegamtootaa jedhamee waamamu keessatti eenyummaa uummata naannoo kan bakka hin buune jedhamuun siidaan amanamu hooggana naannoo ol aanaa dhaan akka achii kaafamu waan murtaa’eef sambata darbe kaafamuun paartiin badhaadhina naannoo Amaaraa beeksisee jira.

Paartiin badhaadhina naannoo sanaa jijjiirama kanaan uummatichaaf waadaa kan seene keessaa seenaa dogoggoraa sirreessuu kan jedhutu keessatti argama. Akkuma kanaan torban kana magaalaa Baahir Daar keessa uummaticha kan bakka hin buuneef hin ibsine kan jedhaman mallattoolee fi maqaa jijjiiruuf sochiin jalqabamuu isaa itti gaafatamaan damee humna namaa fi faayinaansii kan paartii badhaadhinaa obbo Geetinnet Aayicheew ibsaniiru.

Siidaa wareegamtoota uummattoota Amaaraa moggaasa jedhu irraa jalqabee jijjiiruuf qorannaan geggeessamaa jiraachuus ibsaniiru. Buufati xayyaara Baahir Daar kan Caamsaa 20 jedhamuun waamamaa ture buufata xayyaara Dej Azmaachi Belaay Zallaqaa jedhamee akka waamamu koreen waajjirri bulchiinsa kantiibaa magaalaa Baahir Daar torban darbe murteessuun isaa ni yaadatama jechuun Aster Misgaanaaw gabaasteetti.

XS
SM
MD
LG