Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gosi COVID-19 Inni Haarawaan Miidhaa Dhaqqabsiisaa Jira: Hayyoota Saayinsii Afriikaa Kibbaa 


Faayilii - namoota talaallii yaalii irratti hirmaachuf eyyamamoo ta;an, Johaansburgi, Afriikaa Kibbaa
Faayilii - namoota talaallii yaalii irratti hirmaachuf eyyamamoo ta;an, Johaansburgi, Afriikaa Kibbaa

Gosi COVID-19 inni harawaan lakkoobsa namoota vaayiresichaan qabamanii wal’aansaa fi mana yaalaa dhaqanii fi du’anii ol kaasuu isaa angawoonni eegumsa fayyaa kan Afriikaa kibbaa beeksisanii jiru.

Angawoonni kun wixata kaleessaa akka dubbatanitti vaayiresiin haaraan 501.V2 jedhamu kun vaayiresii isa duraa caalaa waan daddarbu fakkaata. Hayyoonni saayinsii Afriikaa kibbaa yoo raggaasisame talaalliin COVID-19 vaayiresii haaraa jalqaba Biriteen keessatti mul’ate kana ittisuu danda’uu isaa baruuf yaalaa jiran.

Weerarri haaraan kun mootummaan Afriikaa kibbaa uggura sochii cimaa, andaarri galaanaa bahannanaaf akka cufamu dabalatee guyyaa fi yeroon itti dhugaatii alkoolii gurguran akka murtaa’u gochuuf isa dirqisiise.

Akka waalta aqorannaa Yuniversitii Joons Hoopknstti Afriikaa kibbaa keessaa namoonni 920,922 vaayiresii koronaan yoo qabaman kanneen 24,691 ta’an immoo du’aniiru.

XS
SM
MD
LG