Xurree ittiin seenan

Breaking News

Briteen Keessatti Kan Mul’ate Gosi COVID-19 Inni Haarawaan Hammaataa Adeemuutu Gabaasame 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Briteen Keessatti Kan Mul’ate Gosi COVID-19 Inni Haarawaan Hammaataa Adeemuutu Gabaasame

Imaltoonni Briteen irraa dhufan martinuu ragaa COVID-19 irraa walaba ta’uu isaanii akka dhiyeessan gaafachuuf itti yaadaa jiran.

Caasaaleen oduu akka gabaasanitti gurmuun duula farra vaayiresii koronaa kan White House wixata kaleessaa wal ga’uu dhaan imaltoonni Briteenii utuu hin ka’in dura sa’aatilee 48 ykn 72 keessatti vaayiresicha irraa walaba ta’uu isaaniif qorannaa geggeessuu akka qaban ka jedhu irratti mari’atanii qajeelfama tolchanii jiru.

Qajeelfamni kun kan dhiyaate ennaa biyyoonni 40 ol ta’an sababaa weerara COVID-19 inni haaraan Briteen keessaa mul’ateen kan ka’e imala gamasi irraa dhufu rarraasanitti.

Hoogganaan waaltaa dhukkuboota alarjii fi daariqaa Dr. Anthony Fauchii wixata kaleessaa akka jedhanitti vaayiresii haaraan kun Ameerikaa keessa jiraachuu danda’a jedhan.

Kan Jarman keessa maadheffate hoogganaan kampaniin dawaa BioNTech akka jedhanitti gita isaanii kan Ameerikaa Faayizer waliin ta’uun kan qophaa’e talaalliin COVID-19 vaayiresii isa harawaa irratti hojjechuuf carraan qabu ol aanaa dha jedhan.

Ugur Sahin Berlin keessatti tuuta oduuf akka ibsanitti garuu yoo barbaachisaa ta’e talaalliin kun fooyyeffamee torbanneen ja’a keessatti ni raabsama.

Gamtaan Awrooppaa talaalliin Faayizer fi kan BioNTech biyyootii miseensota isaa ta’an 27f akka raabsamu kan raggaasise yoo ta’u talaallii inni jalqabaas Muddee 27 jalqabamuuf jira.

XS
SM
MD
LG