Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kutaa Amerikaa Keessatti Har'a Filannoon Bakka bu'oota Seeneetaa Irra Deebiin Gaggeeffamaa Jira


Namoota miseensa seeneetaa ta'an lama filachuuf sagaleen har'a kennamuu seeneeta biyyatti keessatti sagalee irra jireessa kan qabaatu Deemookraatoota haa ta'u Ripaablikaanoota akka ta'an muteessa.

Barcuuma seeneetaa 2 kan qabu kutaa Jorjiyaaf paartii lameen irraa walii galaan nam 4tu dorgomaa jira.

Kanneen dhiyaatan keessaa tokko dubartii seera tutuu, inni kaan Luba waldaa kristaanaa Baaptistii, kaan nama Televiziyoonaaf sagantaa Dokumantarii hojjatuu faatu keessatti argama.

Sagaleen uummataa guyyaa filannoo kana dursee funaanamee akka agarsisuutti dorgoomtoota Demokraatootaatu xiqqoo akka dursan agarsiisa ture.

XS
SM
MD
LG