Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhiittaa Mirga Namoomaa Tigraay Keessa Jira Jedhamu Akka Qoratamuuf Mootummaan Itiyoophiyaa Gaafanna: Hiyumaan Raaytis Waach


Bulchiinsa Naannoo Tigraay keessatti dhiittaa mirga namoomaa jira jedhamu kan ilaaleen qorannaan Tokkummaa mootummootaan hogganamuu akka gaggeeffamuuf mootummaan Itiyoophiyaa akka ehamuuf garee mirga dhala namaaf falmuu Hiyumaan Raaytis Waach jedhamuuf Daayreekteera Gaanfa Afrikaa kan ta'an Latiishaa Baadar gaafatanii jiru.

Hiyumaan Raaytis Waachitti Daayreekteera Gaanfa Afrikaa, Latiishaa Baadar
Hiyumaan Raaytis Waachitti Daayreekteera Gaanfa Afrikaa, Latiishaa Baadar

Gara Sudaanti imalanii kan deebi'an ta'u kan ibsan Baadar achittis baqattoota Itiyoophiyaa wajjiin wal arguu isaanii dubbatan.

Baqattonni firottan keenya waraana Ertraa fi Itiyoophiyaatu Tigraay keessatti ajjeesee jedhan kun hawaasnii aaddunyaa gidduu seenee ajjeechaa haa dhaabsisuu jechuun gaafatu jedhan.

Bulchiinsii yeroo Tigraayiif hundeeffamee fi aangawoonni Itiyoophiyaa fi kanneen biroon waraanni Ertraa Tigraay seenuu isaa ni dubbatu.Ertraan garuu haltee jirti.

Kana irratti kallattiin deebii gama aangawoota fedeeraalaa kan Itiyoophiyaa fi kan Ertraa argachuuf jecha yaaliin gochaa ture kan hin milkoofne ta'u ibsuun Gabree Hagoos gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG