Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjettoonni Dhaabbata Piis Kroops Duraanii Dararaan Tigraay Keessaa Akka Dhaabatu Deggersa Ameerikaa Gaafatan 


Faayilii - mooraa baqattootaa naanoo dangaa Itoophiyaa fi Sudaan jiru

Dhaabbati Piis Kroops jedhamu kan Ameerikaa fi Itiyoopiyaatti ambaasaadderoonni Ameerikaa duraanii sadii walitti bu’iinsa naannoo Tigraay keessaa mormuu dhaan xalayaa mana maree bakka bu’oota Yunaaytid Isteetisiif barreessaniin lolli gamasii haalaan akkuma xiqqaataa adeemeen waraansi kan itti fufuu ta’uu isaa ofitti amantaan dubbanna jechuun akeekkachiisan. Xalayaan Associated Press-n dhaqqabe kun gargaarsi namoomaa Tigraayiin akka dhaqqabu seera tumtootaaf gaaffii dhiyeessuu dhaan tokkummaan mootummootaa dhiittaan mirga namaa gamasii akka galmeessamuuf naannoon sun sabaa himaaf banaa akka ta’u dhiibbaa akka godhu gaafata.

Uummata naannoo Tigraay miliyoona 6 ta’uuf malli quunnamtii rakkoo ta’uu isaaf kanneen dhaaba kanaaf fedhaan hojjetan kan duraanii xiqqoo qofti hiriyoota isaanii gamas jiran arguu danda’niiru.

Sodaa nageenyaaf jecha namoota waliin dubbachuu irraa kan of qusanne yoo ta’u mootummaan Itiyoopiyaa marii bilbilaa mara ni to’ata jechuu dhaan kan xalayaa kana qindeessuu gargaaran hojjettuun dhaaba peace corps duraanii Isabella Olson e-mail Associated Press-f erganiin beeksisaniiru.

Mootummaan Itiyoopiyaa xalayaa kanaaf deebii hin kennine jedhan. Yaaddoon mootummaan to’annaa akkasii geggeessuu dhalattoota Tigraayii fi kanneen biroo Itiyoopiyaa keessaa erga walitti bu’iinsi sun jalqabee kaasee doorsisaa fi eenyummaa ofiin itti fuuleffatamuuf akka saaxilaman lammiiwwan hedduun dubbataa jiran.

Lolli kun baatii afur qabatee ennaa jiru kanatti ajjeechaa, saamichaa fi manca’ina waaltaalee eegumsa fayyaa fi qonnaa fi manneen sagadaa irra ga’e addunyaaf ifa akka ta’u itiyoopiyaa irra dhiibbaan sadarkaa addunyaa irra kaa’amu dabalaa adeemee jira. Yaaddoo guddaan kan yeroo ammaa beela ta’uun illee beekamee jira.

Mootummaan Itiyoopiyaa gabaasa haaraa gareeleen mormitoota Tiraay basan kan siivilonni 52,000 walitti bu’iinsa sanaan ajjeefaman jedhu fudhatama dhabsiisee jira. Mootummaan akka jedhetti ofii keenyaa siiviloonni hedduun du’uu isaanii hin argine jechuu dhaan namoonni meeqa akka du’an garuu hin ibsine.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG