Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rippaablikii Dimokitaatawaa Koongootti Ambaasaadderri Xaaliyaanii Ajjeefaman 


Bakka ambaasaaderri Xaaliyaanii ajjeefamitti konkoloota fooddaan irraa caccabee mullatu
Bakka ambaasaaderri Xaaliyaanii ajjeefamitti konkoloota fooddaan irraa caccabee mullatu

Rippaablikii dimoktaatawaa Koongootti ambaasaadderri Xaaliyaanii haleellaa har’a Koongoo gama bahaatti raawwatameen du’uu isaanii ministriin dhimma alaa Xaliyaanii beeksisee jira.

Ministeerichi ibsa gabaabaa kenneen Luukaa Attaanaasiyoo kan ajjeefaman magaalaa Gomaa keessatti ennaa gurmuu sabatiinsa tokkummaa mootummootaa kan Koongoo waliin imalaa turanitti. Poolisiin waraanaa lammii Xalaiyaanii konkolaataa isaan geggeessu keessa tures haleellaa sanaan ajjeefamuun beekamee jira.

Rooyiters Virunga National Park jedhamu tuquun akka gabaasetti konkolaataan isaanii kan haleelame magaalaa Kani-ya-mahoroo-tti yaaliin ukkaamsanii butuu ennaa geggeessametti.

XS
SM
MD
LG