Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Waraansi Naannoo Tigraay Dhaabatee Gara Marii Araaraatti Akka Seenamu Gumiin Waaltaalee Amantii Tigraay Gaafatan 


Faayilii - Miseensa raayyaa waraana Itoophiyaa, Daanshaa, Sadaasa 25, 2020
Faayilii - Miseensa raayyaa waraana Itoophiyaa, Daanshaa, Sadaasa 25, 2020

Naannoo Tigraay keessatti raawwatamaa jira kan jedhan wal waraansi dhaabatee kanneen lola irratti bobba’an hatattamaan dhaabanii gara mariitti akka deebi’an gumiin waaltaalee amantii Tigraay torban darbe waamicha dabarsee jira. Gumiin kun ibsa baaseen waraansi sun lubbuu lammiiwwan nagaa amma iyyuu dhabamsiisaa, waaltaalee jiran mancaasaa waan jiruuf mariin karaa nagaa akka jalqabamu hawaasi addunyaa dhiibbaa gochuu qaba jedhee jira.

Ibsa ejjennoo qabxii torbaa gumiin kun baase, namoonni siyaasaa rakkoo isaanii karaa nagaan hiikuu qabu jechuun akkuma kana dura dubbataa ture ibsuu dhaan, garuu naannoo sana keessatti waraansi mudatee yaaduuf kan nama dhibu, waaltaalee amantii, hoogganoota amantii fi amantoota irratti badii hamaan raawwatamera jedhan.

Luboonni, dubartoonnii fi imaamonni dhibbaan laka’aman rasaasaan du’aniiru, amantoonni kumaan laka’amanis dhumaniiru jedha ibsi sun.

Yeroo ammaa uummati magaalattii dhibba irraa harki 80 ol gaddaa fi miidhaa miira sammuu isaanii irra ga’etti dabalee, gargaarsa midhaan nyaataa, bishaan ibsaa, geejjibaa fi tajaajila eegumsa fayyaa argataa hin jiran jechuu dhaan ibsi sun gadda itti dhaga’ame ibsee jira.

Ibsi waaltaa amantii sun loltoonni Eertraa Tigraayiin seenuun sirrii miti, kanaaf hatattamaan achii ba’uu qaba kan jedhe yoo ta’u akkasumas humnoonni naannoo Amaaraa naannoo sana gama dhiyaa fi kibbaa keessaa ba’uu qaba jedhee jira. ibsi sun itti aansee, lolli naannoo Tigraay keessatti geggeessame, kan injifates injifatames kan hin qabaanne, lubbuu hedduu kan galaafate, sadarkaa addunyaatti kan beekaman Gadaamii Debredaamoo fi al Nejaash kan mancaase fi manneen amantii kaansi kan barbadeesse waan ta’eef haal duree tokko malee dhaabatee gareen wal lolu gara marii nagaatti deebi’uu qabu Gargaarsi namoomaas naannoo sana utuu hin ittifamin akka seenu waamicha dabarsee jira.

Namoonni nagaan ajjeefamaniiru, dubartiin tokkittiin haala qaaneessaa ta’een hanga loltoota 15n humnaan gudeedamteetti, kabajaan monoksootaa dhiitameera, yakki kana jedhamee himamuu hin dandeenye raawwatameera jedhee jira. Qaama walaba ta’een illee gochi kun akka qoratamu wamicha dabarsee jira.

waaltaaleen diigaman deebisanii akka ijaaraman hawaasa addunyaaf waamicha kan dabarse yoo ta’u, tajaajilli interneetiis akka banamu gumiin kun gaafateera jechuu dhaan gochaan kun waaltaalee amantii, jaarsolii biyyaa fi waaltaaleen murtii haqaa yakkaa fi dararaa kana balaaleffachuu qaba jechuu dhaan gumiin kun gaafateera jedha Mulugeta Atsbeha Meqelee irraa.

Gama biraan yakka sanaan kan shakkaman naannoo Tigraay keessa namoota dhokatanii jiran qabuuf sakatta’a godhamuun alatti waraansi hin jiru jechuu dhaan daayirikterri ol aanaan Indoktirneeshinii ittisaa Major Jeeral Mohammed Tesemmaa VOAf ibsaniiru. Akka miidhaa gareen finxaalessaa IWEHAT raawwate utuu ta’ee Tigraay bifa amma qabdu hin qabaattu turte jechuun Tsiyon Girmaaf ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG