Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoon Sidaamaa Hundeeffamuun Sirnaan Labsame 


Naannoon Sidaamaa Hundeeffamuun Sirnaan Labsame
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:30 0:00

Sababaa COVID-19n boodatti harrkifatee kan ture eebbi hundeeffama miseensa federeeshinii Itiyoopiyaa 10ffaa Sidaamaa magaalaa Hawaasaa waltajjii Godumaalee keessatti ayyaaneeffame.

Afaan yaa’ii mana maree federeeshinii Itiyoopiyaa obbo Adam Faaraah naannoon Sidaamaa bifa heera kabajeen naannoo ta’ee hundeeffamuun, biyyattii keessatti argame kan jedhan ba’ii jijjiirama siyaasaa ta’uu dubbatanii hundeeffamni haaraan kun nageenyaa, msoomaa fi bulchiinsa gaarii naannoof bu’aa hin qabaatu yoo ta’e faayidaa isaa irra miidhaa isaatu caala jedhan.

Ayyaana magaalaa Hawaasaatti kabajame irratti kan argaman prezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obb Shimellis Abdiisaa daandiin Itiyoopiyummaa walabummaa, haqaa fi dimokraasii qofa jedhan. Sirna eebbaa sana irratti angawoonni federaalaa sadarkaa ol aanaa diplomaatonnii fi abbootiin Gadaa akkasumas jaarsoliin biyyaa argamaniiru.

Ayyaana kana irratti uummati Sidaaamaa fi magaalaa Hawaasaa kumaan laka’amu kan argame yoo tau kumaan kan laka’aman uummati naannoo Oromiyaa illee irratti argamaniiru.

Uummata ayyaana sana irratti argamaniif haasaa kan dhageessisan prezidaaniin naannoo Sidaamaa obbo Destaa Ledaamoo uummati Sidaamaa guyyaa har’aa arguuf daandii cimaa adeemeera jedhan.

Qabsoo hadhaawaan injifannoo argame illee faayidaa uummataaf gargaaramuun barbaachisaa dha kan jedhan prezidaantichi jijjiirama sanaaf deggrsa kan godhe uummata Itiyoopiyaa fi muummicha ministreeraa Abiy Ahimediin dabalatee qaamotii ka biroos maqaa uummataan galateeffataniiru.

Akkuma kanaan mootummaan naannoo Oromiyaa qarshii miliyoona 100, bulchiinsi magaalaa Finfinnee miliyoona 50, naannoon Amaaraa miliyoona 30, naannoon kibbaaa miliyoona 20, naannoon Smaalee miliyoona 10, naannoon Affaar miliyoona 7 fi Gambeelli immoo deggersa miliyoona 2 kennaniiru.

XS
SM
MD
LG