Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Gaggeessummaa Gurmuu Hawaasa Biyyoottan Afriikaa Baha Ofitti Fudhatte


Walgahii 21ffaa gurmuu biyyoottan Afriikaa Bahaa kara interneetii geggeeffame, Guraandhala 27, 2021
Walgahii 21ffaa gurmuu biyyoottan Afriikaa Bahaa kara interneetii geggeeffame, Guraandhala 27, 2021

Walgahiin 21ffaa gurmuu biyyoottan Afriikaa Bahaa sanbata darbe gaggeeffameera. Wal gahii karaa Interneetiin gaggeeffame kanarratti Gurmuu biyyoottan 6 kana ka gaggeessaa turte Ruwaandaan bakka ishee Keeniyaaf ka laatte yoo tahu, Prezdentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaas poowul Kaagameerraa taaytaa fuudhanii jiru.

Keeniyaan Gaggeessummaa Gurmuu Hawaasa Biyyoottan Afriikaa Baha Ofitti Fudhatte
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:03 0:00

Keeniyaattaan yoo kakuu seenan galma gurmuu biyyoottanii kanaaf akka hojjetan dubbatan.

Keeniyaattaan, Gurmuun biyyoottanii kun kun ganna 20 dura yoo hundaawu kaayyoo gurguddoo afur akka qabu eeran. Tokko, seera gumruukaa waloon buluu, seera daldalaa walii baafachuu, maallaqa waliinii ummachuu fi dhumarratti mmoo bulchiinsa siyaasaa tokko uummachuu ka jedhu ture ta’uus ibsani.

Warra kana keessaa bara 2005 kaasee seera gumruukaa waliinii uummachuu fi bara 2010 kaasee ammoo gabaa bilisaa waliin qabaachuu karoorri jedhu hojiirra oolanii ,Maallaqa waliinii ummachuuf walii galteen ganna jaha dura mallaattaayee amma adeemsarra ka jiru yoo tahu, bulchiinsa siyaasaa waloo qabaachuufis wal gahii keenya bara darbeerratti gareen seera baaftuu muudame amma heera tumuutti jiraa jedhan Keeniyaattaan.

Keeniyaattaan hojii Poowul Kaagaameen jalqabaman akka itti fufsiisan, akkasumas walitti dhufeenyi daldalaa fi diinagdee biyyoottan miseensa gurmuchaa gidduutti akka fooyyawuuf akka hojjetan himan.

Dabaalniis, gurmuun biyyoottan Afriikaa Bahaa gama diinagdeen cimaa akka dhufe, gaaffii sudaan kibbaa miseensa tahuuf dhiyeeffatteefis Keeniyaan ammaaf lammilee Sudaan Kibbaaf haala barbaachisuun VISA bilisaan akka laattu ifoomsani.

Wal gahii gurmuu biyyoottan Afriikaa bahaa 21ffaarratti, Piiter Mutuukuu gaggeessaa olaanaa tahuun yoo muudaman, Abbaan seeraa Keeniyaa Katuriinaa Minootiis miseensa dhaddacha mana murtii gurmuu biyyoottan Afriikaa Bahaa ta’uun waadaa seenaniiru.

XS
SM
MD
LG