Xurree ittiin seenan

Breaking News

Minniaapolis Keessatti Shoovinitti Erga Murtaa’ee Booda Uummanni Gammachuu fi Boqonnaa Argatanii Jiran 


Angawaan poolisii Minniyaapoolis duraanii Derik shoovin morma Joorj Filooyid irra daqiiqaa 9 fi sekoondii 29f erga dhaabatee waggaa tokko waan ta’u booda yakki ajjechaa itti muramee jira.

Minniaapolis Keessatti Shoovinitti Erga Murtaa’ee Booda Uummanni Gammachuu fi Boqonnaa Argatanii Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:27 0:00

Manne murtii maree uummataa ennaa manni murtii konyaa Henneppin yakka ilaalcha ajjeechaa Deerik Shoovin raawwate ilaalchisuun falmii jiru dhaggeeffataa turetti, bakka uummanni kaleessa murtii haqaa mrkanaa’een miidhaa irraa dandammate ta’ee jira.

Jiraattota Minniapolis keessaa tokko kan ta’an Lallan akka jedhanitti uummata koo gurraachaa asitti arguun koo natti toleera. Namni martinuu nu waliin asitti argamuu isaniitti gammadeera. Waan jechuu qabu ka biroo hin qabu. Lubbuun gurraachaa asitti gatii qaba.

Prezidaant Joo Baayiden itti aantuu Prezidaantii Kamaalaa Haris waliin ta’uu dhaan White Housetti ergaa dabarsaniin yakka hojjetameef haqi mirkanaa’e tarkaanfii tokko fuula duratti tarkaanfachuu dha jedhanii, seerri kutaa poolisii jijjiiramuun raggaasisamuun qaama Ameerikaan murtiin haqaa akka mirkanaa’u gochuutti deemuu ti jedhan.

“Hafuura baafachun dadhabe. Hafuura baafachuun dadhabe. Jechoonni kun jechoota dhumaa kan Joorg Filooyidi. Jechoonni sun isa waliin akka du’an eeyamuu hin qabnu jedhan.

XS
SM
MD
LG