Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Fannoo Diimaa Kan Itiyoophiyaa Komee Buqqaatoota Tigraay Keessaaf Deebii Kenne 


Faayilii - Namoota naannoo Tigraay keessaa buqahanii mana marumsa dahoo godhatanii jiran, Maqalee
Faayilii - Namoota naannoo Tigraay keessaa buqahanii mana marumsa dahoo godhatanii jiran, Maqalee

Waldaan Fannoo dimaa Itiyoophiyaa lammiwwan sababaa walitti bu’uunsaaan manaa fi qe’e ofii irraa godaananiif deggersa adda addaa kennaa kan jiru ta’u beeksisee jira.Waldaan kun buqqaatoota magaala Maqalee keessa jiraniif Zayiitaa fi Qaamadii yeroon isaa irra darbee kenne komeen jedhuus hundee qabeessa miti jedhee jira.

Waldaan fannoo dimaa Itiyoophiyaa kun bulchiinsa naannoo Tigraay, Amaaraa, Beneeshaangul Gumuuz fi uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa keessatti sababaa walitti bu’iinsaan namoota miidhaman kanneen Miliyoona walakkaa ta’aniif gargaarsa adda addaa kennuu isaa kan ibsan itti gaafatamaan waajiira qunnamtii uummataa kan jaarmayichaa Dr. Solomoon Alii kanneen walitti bu’insa waliin hidhata hin qabne lammiwwan biyyatti Miliyoona 10 ta’an gargaaraa akka jiru ibsanii jiran.

Warra sababaa walitti bu’iinsaan godaanan gargaaruuf baajata dhimmootii adda addaaf ramadamanii turan dhiisuun isaaniif oolchuuf yaalamaa jira jedhan. Magaala Maqalee fi buufata Maay Waynii keessa buqqaatonni jiran daakuu qamadii hanga yoomitti itti gargaaramuun akka danda’amu barreeffama agarsisuu hin qabnee fi Zaayiita guyyaa itti hojiin ala itti ta’u of irraa qabu garu shakkisiisaa ta’e Fannoo Dimaan nu dhiyeesse itti hin gargaaramnuu jedhanii turan.

Maqalee keessattis ta’e iddoo biraatti nyaata yeroon itti fayyadaman isaa darbee hin dhiyeessine jechuun Dr.Solomoon Alii deebii kennanii jiru jechuun Addis Chekkol gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG