Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Taajjabdoota Filannoo Gamtaa Awrooppaa Gaaffii Ol Aantummaa Biyyaa Tuqu Dhiyeesse: Ambaasaadder Diinaa Muftii 


 Ambaasaadder Diinaa Muftii 
Ambaasaadder Diinaa Muftii 

Ambaasaadder Diinaa Muftii kaleessa gaazixeess otaaf ibsa kennaniin gamtaan Awrooppaa garee taajjabdoota filannoo erguuf haal dureewwan inni dhiyeesse ol aantummaa biyyaa kan tuqu fi nagaa isee balaa irra kan buusu jedhan.

Gareen Taajjabdoota Filannoo Gamtaa Awrooppaa Gaaffii Ol Aantummaa Biyyaa Tuqu Dhiyeesse: Ambaasaadder Diinaa Muftii
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:35 0:00


Gareen taajjabdootaa kun biyya seenuuf murteessee kan ture kan hambiseef, akka ambaasaadderichi jedhanitti haalawwan bu’uuraa qabatamaa lama waliin mootummaa Itiyoopiyaa waliin walii hin galin waan hafeef jecha.

Tokko VSAT meeshaa jehamuu fi teknooloojii quunnamtii Itiyoopiyaa ala fudhee yoon seene male kan jedhu. Kun filannoo 6ffaa dha. Filannoowwan geggeessaman kana duraa irratti taajjabdoota biraa gaaffiin akkaii dhiyaatee hin beeku jedhan

Taajjabdoowwan filannoo naannolee isaan dhaqan caasaan taaknooloojii telekominikeeshinnii biyyoolessaa waan dhaqqabuuf, sana fayyadamuu utuu danda’anii yaada ka biroo qabatanii dhiyaachuun isaanii sirrii akka hin ta’in ambaasaadder Diinaan ibsaniiru.

Kanaan ala caasaan tlekominikeeshinii keenyaa meeshaa to’achuu hin dandeenye qabadheen seena jechuun sin bulcha jechuu dha. Gaaffii ka biroon hin jiru.
Akeeki isaas maaliif akka ta’e hin beekamu. Filannoo taajjabuuf nageenyi amansiisaa dha. Daandiin jira, telekominikeeshiniin jira. kottaa ilaalaa jedhameera jedhan.

XS
SM
MD
LG