Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyonni Dureeyyiin Landan Keessatti Walgahii Gaggeessan 


Biyyoota addunyaa irratti dureeyyii ta’an 7f aangawoonni ministeera haajaa alaa ta’an Kibxata har’a Landan keessatti walga’anii jiru.Kunis hariiroo Chaayinaa fi Raashiyaa waliin jiru akkasumas fonqoolcha mootummaa Maaynamaar keeessaa fi walitti bu’iinsa Siriyaa keessaa akkasumas haala Afgaanistaan keessaa dabalatee mata duree hedduu irratti mari’atan.

Waajirri dantaa alaa Briteen walgahii har’a kana irratti akka ibseetti ministeera waajirichaa kan ta’an Domaniik Raab walgahii waa’ee dhimmootii siyaasaa kanneen Demokraasii, Bilisummaa fi miga dhala namaa irratti soda uuman kan ilaaleen marii gaggeeffame hogganuu. Raab gama isaaniin akka jedhanti mariin kun carraa hawaasa banaa fi denookraatawaa ta’an walitti fiduuf akkasumas yeroo rakkoo fi sodaan jiru kanatti tokkummaan dura dhaabachuuf gargaara jedhan.

Miseensoonni biyyoota duroomanii kanneen G7 jedhamanii namoota dhuunfaa fi dhaabbattoota garee waraanaa Maaynamaar kan aangoo qabatee jiruutti hidhata qaban irra akkasumas ugguura meeshaa waraanaa ka’uun uummata Maaynamaariif gargaarsa dhala namaa kennamuu dabaluu jedhamee eegama.

Ministeerrii dantaa alaa Amerikaa Antonii Bliinken gita saanii kan Briteen waliin Wiixata kaleessaa kan wal argan yoo ta’u Chaayinaaf kaayyoon jiru to’achuuf ykn gad qabuu miti jedhan.

Kan nutii gochuuf yaalluu ajaja seera addunyaa irratti hundaa’ee kan biyyonni keenya bu’aa argachuuf jecha wagoota kurna hedduuf hojii invastmeentii ittiin gaggeessa turan, kan ilaaleen lammiwwan keenyaaf qofa otoo hin taanee lammiwwan chaayinaa dabalatee uummata addunyaaf falmiina jechuun Bliinken oduu gabaastootaaf ibsan.

Raab gama isaaniinYunaaytid Isteetes fi Briteen karaa gaarii Chaayinaa waliin hojjachuun itti danda’amu ilaalaa jiru.Kunis karaa amansiisaa fi gaarii ta’een ta’u akka qabu, yoo hin danda’ama ta’eed dhimma jijjiirama qilleensaa kan dabalatuu akka ta’u ibsan.

XS
SM
MD
LG