Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Addaa Ameerikaa Gara Gaanfa Afriikaatti Qajeelan 


Gaanfa Afriikaatti jila addaa kan ta’an Jeffiryii Feeltmaan (suuraa faayilii)

Gaanfa Afriikaatti jila addaa kan ta’an Jefiryii Feeltmaan imala isaan Masrii, Eertraa, Itiyoopiyaa fi Sudaanitti geeggeessan ilaalchisuu dhaan embasiin Yunaayitid Isteetis kan Finfinnee keessaa ibsa kennee jira.

Gaanfa Afriikaatti Jilli Addaa Ameerikaa Gara Naannoo Sana Daawwachuuf Gamasitti Qajeelan
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:21 0:00

Feltman Caamsaa 4 hanga Caamsaa13tti bara 2021tti gamas daawwachuuf kan jiran yoo ta’u ennaa daawwannaa isaanii angawoota mootummoota kanaa akkasumas kan tokkummaa mootummootaa fi kan gamtaa Afriikaa waliin marii geggeessuuf jiru.

Qaamotii siyaasaa dhimmi ilaallatuu fi jaarmolii gargaarsa namoomaa waliin illee wal arguuf jiran. Imalli jila addaa, gaanfa Afriikaa kessaa wal qabatanii kan jiran rakkoolee siyaasaa, nageenyaa fi namoomaa furuuf sochii diplomaasummaa waariinsa qabu hoogganuuf murannoo bulchiinsichi qabu kan mul’isuu dha.

Kanaaf naannoo sana mara keessatti galma kana bakkaan ga’uuf imaammata Yunaayitid Isteetis qabdu ni qindeessu jedha ibsi embasii Ameerikaa kan Finfinnee biraa kenname kun. Gama biraatiin seneteroonni Ameerikaa, gaanfa Afrikaatti jilli addaa bulchiinsa Baayiden naannoo sanatti utuu hin imalin dura xalayaa barreessanii jiran.

Senetor MD Ben Cardin, Snetera VA Tim Kaine, kan Nevaadaa Jacky Rosen, kan New Jersy Cory Booker fi kan Massachusetes ED Markey waliin ta’uu dhaan gaanfa Afriikaatti jila addaa Yunaayitid Isteetis kan ta’an Jeffrey Feltman imala isaanii jalqabaa geggeessanitti fayyadamuu dhaan naannoo sanatti sabatiinsii fi itti gaafatamummaan akka jiraatuu akkasumas haala Itiyoopiyaa hammaataa adeemeef kallattiin walii galaa akka jiraatu akka jajjabeessan waamicha dabarsaniiru.

Yaadawwan Ilaali (4)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG