Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Baqattoota Simattu Dachaa Afuriin Dabalti: Baaydin 


Prezidaantiin Amerikaa duraanii Traamp lakkoobsa baqattootaa waggaatti Amerikaan simattu baayyee xiqqeesuun isaanii kan yaadatamuu yoo ta’u preezidaant Baaydin garu lakkoobsa baqattoota waggaa kanaa dachaa afuriin kan guddiisan ta’u har’a labsan.

Prezidaant Baaydin Wiixata kaleessaa ibsa baasaniin,keessa deeme eilaaluun waggaa kanaaf baqattoota Amerikaan simattuu kuma 62 fi 500 ta’u ibsan. prezidaantichii duraanaa kuma 15 qofa jedhchuun seenaa biyyatti keessatti isa gad aanaa fi biyyattiin baqattoota gargaaruun bekkamtii qabdu xiqqeessa jedhan.

Waggaa dhufu immoo baqattoota kuma 100 fi kuma 25 simachuuf ammuumaa irratti hojjatamaa akka jiru ibsan prezidaant Baaydin.

Yaadawwan Ilaali (8)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG