Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota Sadaasa 19 Aksumitti Ajjeefaman Irratti Ibsa Abbaan-alangaa Waliigalaa Itiyoophiyaa


Abbaan-alangaa Itti-aanaa Obbo Fiqaaduu Tseggaa
Abbaan-alangaa Itti-aanaa Obbo Fiqaaduu Tseggaa

Bulchiisa naannoo Tigiraay, magaalaa Aksumitti akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Sadaasa 19, bara 2013 waraansa gegeessame irratti, “kanneen waraansichatti hirmaatan, garuu uffata danbii loltuu hin uffatiin 93 du’aniiru,” jechun Abbaan-alangaa Itiyoophiyaa ibsee jira.

“Magaalaa sana keessatti raayyaan ittisaa fi loltoonni Ertiraa namoota nagaa ajjeesan, “ jedhamee himannaa dhihaate waajirri keenya baatiilee lamaaf qorataa ture, jechuun gaazzexeessotaaf Abbaan-alangaa Itti-aanaan Obbo Fiqaaduu Tseggaa, qorannaa haga ammaa geggeessamee ragaa qulqullaa’een, namoonni 6 raayyaa ittisaan ajjeesamuun mirkaneessamuu dubbatan.

Gama biraatiin immoo, yeroo wal-fakkaataatti magaalaa Aksum keessatti, waraansa geggeessameen namoonni nagaan dhibbootatti lakkaawaman, haleellaa qindaawaadhaan ajjeesaman, jechuun gareen Mirga Namoomaa – Amnesty Internashinaal, gabaasaa baaseen ibsee ture.

Tsahaay Daamxoo Finfinnee irraa gabaasaa qabdi.

Namoonni Waraansa Sadaasa 19 Aksumitti Geggeessametti Hirmaatan Garuu Uffata Loltuu Hin Uffatiin 93 Du'uu Mirkaneesse, Jedha Abbaan-alangaa Waliigalaa Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:18 0:00


XS
SM
MD
LG