Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balalistoonni Afgaanistaan Kanneen Uzbeekistaan Keessaa Iddoo Biraatti Geeffaman


Hojjattoota xayyaara 46 kanneen amma iyyu Uzbeekistaan keessa jiran carraan isaanii maal akka ta’e hin ibsamiin jira.
Hojjattoota xayyaara 46 kanneen amma iyyu Uzbeekistaan keessa jiran carraan isaanii maal akka ta’e hin ibsamiin jira.

Balalistoonni xayyaaraa kan Afgaanistaan hangi tokko, kanneen Uzbeekistaan keessatti baatii tokkoof turan, Dilbata kaleessaa gara biyya Tokkummaa Emereetoota Arabaatti ba’u jalqabuun isaanii gabaafamee jira.

Balalisaan xayyaaraa kan Afgaanistaan garu kan Yunaaytid Isteetes keessatti leenjii fudhate akka jedheetti,gareen tokko Dilbata kaleessa Uzbeekistaan keessaa gara biyya Tokkummaa Emeereetoota Arabaatti kan qajeelee yoo ta’u kunis walii galtee karaa Amerikaa tolfameen ta’u fi Taalibaan garu gara Afgaanistanti akka deebi’an gaafachuun ibsan.

Gaazeexaan wool striit Jornaal jedhamu sambata dabree akka gabaaseetti balaliistonni kun , biyya sadaffaa keessatti ituu hin bobbafamiin dura,maadhee waraana Yunaaytid Isteetes isa Dohaa Qaataar jiru deemu.

Hojjattoota xayyaara 46 kanneen amma iyyu Uzbeekistaan keessa jiran carraan isaanii maal akka ta’e hin ibsamiin jira.

XS
SM
MD
LG