Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhiironnii fi Shamarran Daree ykn Gamoo Tokko Keessatti Barachuu Hin Qaban: Taaliibaan 


(suuraa faayilii)
(suuraa faayilii)

Afgaanistaan keessatti dareen ykn gamoon barumsaa shamarran ykn dubartootaaf dhiira irraa adda baasa taanaan, dubartoonni barnoota isaanii Yunivarsitii mootummaas ta’e kan dhunfaa seenanii digrii jalqabaa, lammataa fi sana caalaa itti fufuu akka danda’an Mootummaan Taalibaan ka biyyatti Dilbata kaleessaa beeksisee jira.

Bulchiinsa Taalibaan jalatti ministeera Barnootaa ta’uun hojjataa kan jiran Abduul Haqqaanii imaammanni haaraan ba’uuf akka jiru tuuta oduuf Kaabuul keessatti kan ibsan yoo ta’u, barattoota saalaan adda baaasuun barbaachisaa ta’u kunis dhiraa fi durba iddoo tokkotti barsiisuun, seera Islamaa fi aadaa biyyatti faalleessa jedhan.

Barsiistonni dubartii ta’antu shamarran barsiisa, hanqiina barsiisoota dubaartoota ta’anii hin qabnu jedhan.Garu dhugumatti barbaachisaa taanaan, barsiistonni dhiira ta’an seera Islaamaa ituu hin cabsiin shamarran akka barsiisan ni ehamama.Garu akka seera Shariyaatti ta’u qaba.Kunis golgaa duuba ykn Vidiyoon waraabamee fi kanneen faffakkaatan gargaarmuun ta’a jedhan Haqqaaniin.

Afgaanistaan waggoota darban 20 keessatti barnoota kan ilaaleen waangaariin irra geese, mootummaan isaanii qabaachuu akka barbaaduu, garu dhiirootaa fi shamarran walduukaa barsiisuun akka hin taane dubbatan.

XS
SM
MD
LG