Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koriyaan Kaabaa Yaalii Dhukaasa Misaa’elaa Kan Lafa Dheeraa Gaggeesite 


Koriyaan kaabaa dhuma torban dabree yaalii dhukaasa misaa’elaa kan lafa fagoo furguggifamuu gaggeessite kan fixaan ba’e akka turee, midiyaan mootummaa Wiixata har’a beeksisee jira. Kunis Koriyaan kaabaa sochii Nukleeraa gaggeessituu akka daabduuf dura dhaabannaa Yunaaytis Isteetes kan yeroo dheeraaf tureef diduun ture.

Misaa’eelli kun sambataa fi Dilbata darbee kana bakka qiyyaafata isaa ituu hin dhaqqabiin dura fageenya kiloo meetra 1500 furguggifamee bishaan daangaa biyyatti keessa jiru keessatti lafa dhahee jedha dhaabbatti oduu biyyatti.

Yunaaytid Isteetes fi Koriyaan Kibbaa ana irratti imaammata dinummaa qabu jechuun, Koriyaan Kaabaa yeroo dheeraaf himataa jirti.

Mariin gaggeeffamuu, Koriyaan Kaabaa sagantaa Nukleeraa fi Misaa’eela Baalistiik qabdu diigdee Yunaaytid Isteetes immo ugguura bara 2019 Koriyaa Kaabaa irra keesse akka kaaftuuf kan qiyyaafatee ture.

XS
SM
MD
LG