Xurree ittiin seenan

Breaking News

Korri Waggaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Itti Fufee Jira


Mummichi ministeera Briiteen, prezidaantii Viyeetnaam fi prezidaantiin Maalaawii hogganoota addunyaa kanneen Robii har’a haasawaa dhageesisuu jedhamuun sagantaa irra ka’aman keessa jiran.

Mummichi ministeera Briteen Jaansan guyyoota hanga tokko dursuun haasawaan dhageesiisan irratti kan irratti qiyyaafatan, jijjiirama qilleensaa kan ilaaleen tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu, kunis sagantaa dinagdee addunyaa bayyanachiisuu uumamam irratti hundaa’eetu barbaachiisa jedhan.

Biyyonni dureeyyiin guddiina faalama qilleensaa dhaqqabsisee irraa bu’aa argatanii jiru kan jedhan Jaansan amma immo biyyootiin guddataa jiran dinagdee isaanii qilleensa uumamaa keessatti akka guddisan, kunis haala waariinsa qabuun akka ta’u wiixata dabree dhaamsa Twitarii irratti barreessaniin hubachiisan.

Mummichi ministeeraa Jaansan yaada kana kan kennan, prezidaantii Yunaaytid Isteets Joo Baaydin waliin Waayit Haawus keessatti erga wal arganii booda.

XS
SM
MD
LG