Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Ripxe Loltoota Houtii Ijoollee Loltummaaf Filachuu Akka Dhaaban Beeksisan


FAAYILII - Mucaa umuriin 12, Kahlan, Yaman keessatti garee Hutiif lolaa ture. kun buufata buqaatotaa kessatti akka qawwee itti qabatan yeroo agarsiisu, Mariib, Yamam, Adoolessa 27, 2018.

Gareen ripxe loltoota Houtii Yemen, Ijoollee loltummaa irraa walaba akka ta’an gochuuf walii galuu isaanii tokkummaan mootummootaa beeksisee jira.

Warreen Houtii, kan tokkummaan mootummootaa karoora hojiitti hiikuu ittiin jedhee fi ijoollee walitti bu’iinsa waraanaa keessatti loltummaaf filachu fi ajjeesuu dhaabuu akkasumas manneen barnootaa fi hospitaalota haleelluu irraa akka of qusatan walii galtee mallatteessaniiru.

Dubbi himaan tokkummaa mootummootaa akka jedhanitti gareen ripee lolaa kun ijoollee adda baauu dhaan baatilee ja’a keessatti gad lakkisuuf cicha qabaachuu beeksisee jira.

Wal waraansa waggoota torbaaf ture keesstti ijoolleen kumaan laka’aman lola keessatti hirmaataniiru. Warreen Houtii walii galtee sana karoora ijoolleef eegumsa gochuu ittiin jedhan. tokkummaan mootummootaa akka jedhetti, bara 2014 qabee galmeelee mallatteeffaman irratti mootummaan beekkannaa sadarkaa addunyaa qabu kan Yemen waadaa wal fakkaataa seenee jira.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG