Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aangawaa Tokkummaa Mootummootaa: Hookkara Saala Tigraay Keessatti Raawwatame Haala Isaa Gutummaan Beekuun Baatilee Hedduu Fudhachuu Mala 


Aangawaan Tokkummaa Mootummootaa gameessi tokko, nannoo Tigraay godinaa waraansi itti geggeessame keessatti hookkara saala geggeessame ilaalchisee ammallee gabaasaan dabalataa bahaa waan jiraniif, hookkarawwan dubartootaa fi durboota irratti geggeessaman guutummaatti haala isaa beekuun baatiilee hedduu fudhata, jedhan.

Aangawaa Tokkummaa Mootummootaa: Hookkara Saala Tigraay Keessatti Raawwatame Haala Isaa Gutummaan Beekuun Baatilee Hedduu Fudhachuu Mala
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:20 0:00

Humnaan gudeeddii irra hedduun gabaasame loltootaan ta’uu tokkummaan mootummootaa beeksisee jira. Kanneen gabaasaman kun humnootii ittisa biyyaa Itiyoopiyaa, loltoota Eertraa, humnootii addaa Amaara fi gareelee hidhatan ka sirnaa hin ta’inii fi milishoota isaan waliin hidhata qaban ta’uu beeksisee jira.

Waajjira dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa fi komiishinni mirga namaa Itiyoopiyaa waliin ta’uun qornnaan akka geggeessamu walii galame battala akka jalqabu bakka buutuu addaa kan tokkummaa mootummootaa pattten gaafataniiru.

Yeroo isaatti geggeessamuun murteessa dha jedhan. Ragaan jiru utuu hin dhabamsiisamin dura yeroon geggeessamuun murteessaa dha. Kanaaf wuliin jiru hatattamaan xumuramee gareen kun boodatti utuu hin hafin akka bobba’uu fi qorannaan sun ennaa geggeessamu immoo guutummaa naannoo Tigraay keessatti dhorkaa tokko malee daandiin saaqamuu qaba jedhan.

XS
SM
MD
LG