Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Ilma Ofii Hidhaa Keessatti Dhisanii Ba’an Maal Jedhu?


Manaa hidhaa qilinxoo
Manaa hidhaa qilinxoo

Obbo Margaa Dabaloo ogeessa tajaajiila eegumsa fayyaati. Narsummaa ( clinical nurse) digrii jalqabaa barnoota waa’ee qorichaa ykn Dawaan (pharmacy)digrii lammataa qabu. Faarmaasii ofii bananii hojjataa ituu jiranii yeroo lama hidhaman. Inni Jalqabaa baatii sadiif ture. Yeroo lammaffaa qabamuuf jedhan dararaa duraan irra ga’e jiluun naannoo gadhiisanii badan.

Sababaa baduu isaaniin kan ka’e firri maatiin hiriyyaan namoonni 100 ol hidhaman.Dhuma irratti naannoo Beneshaangul keessaa qabamuu isaanii dubbatu. Dhuma torban darbee ennaa gadhiifaman ilma isaanii hidhaa keessatti hafee dargaggoo Darajjee Mergaa waaniin si godhu hin qabu “ Rabbii Si haa gargaaruu” jedheen biraa deeme jedhan.

Darajjeen galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo irratti kannen himataman namoota 22 keessaa tokko.Isa qofaatu galmee sana irraa hin gadhiifamin hafe.Manni hidhaa Qilinxoo gubachuu waliin wal qabsiisanii jiru jedhu abukaatoon isaa obbo Wandimmuu Ibsaa.

Kibxata darbee jechuun Ebla 17 bara 2018 Darajjeen mana murtii duratti bellamaaf dhiyaatee dhaddacha jeeqxe jedhamuun hidhaan baatii torbaa irratti muramuu Obbo Wandimmuun ibsanii jiran.

Gaaffii fi deebii Obbo abba isaa Obbo Margaa Dabaloo waliin gaggeeffame caqasaa.

Abbaan Ilma Ofii Hidhaa Keessatti Dhisanii Ba’an Maal Jedhu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:09 0:00

XS
SM
MD
LG