Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Angawoota Haaraa 23 Muuduu Beeksiise


Mootummaan Naannoo Oromiyaa Angawoota Haaraa 23 Muuduu Beeksiise

Mootummaan Naannoo Oromiyaa sochii haaromsaa eegalee cimsee itti fufuun fayyadamuummaa uummata naannoo boqonnaa haaraatti ceesisuuf qabsoo eegalee cimsee itti fufuu isaa beeksiise.

Dh.D.U.O giddu galeessaa keessatti itti gaafatamaa siyaasaa fi ijaarsa baadiyyaa ta’uun kan muudaman Obbo Addisuu Araggaa Televiziyoona Itiyoophiyaaf akka ibsantti deemsa haaromsaa gad fagoo keessa jiraachuun keenya beekamaa akkuma ta’e isa keessatti boqonnaa jalqabaa kan ta’e keessumaa mufannaa uummata keenyaa gama furuun humna mootummaa jajjabeesuun akka barbaachisu hubanneerra jedhan.

Kana irraa ka’uun rakkoo dhabamuu bulchiinsa gaarii fi hanqina tajaajila kennamuu kan ilaaleen furmaata arguuf waadaa uummata keenyaaf seennee hojitti senne jedhan.

Gama kaaniin mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad Kamisa borii paarlaamaa biyyatti duratti dhiyaachuun miseensoota kaabinee isaanii labsuu jedhamee eegama. Afaan yaa’iin paarlaamaa Obbo Abba Duulaa Gammadaa aangoo gadhisuuf iyyati duraan galfatanii turan amma deebii argata jedhamee eegama jedhu maddeen paartii biyya bulchaa jiru.

Gbaasa guutuu caqasaa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Angawoota Haaraa 23 Muuduu Beeksiise
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:39 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG