Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bombii kaleessa gabayaa Mooyyalee biratti darbatanin nama 64 madaa’e hardhallee waraana Liyuu Poolis bombin nama fixuuf jedhe lama bombi haraktti qaban


Mooyyaleen godina Booranaa keessa jirtu tun Finfinnee irraa km 700 fagaatti. Magaalaan tun akka jiraattotaa fi bulchootii jedhanitti bara hedduuf waraana boqonnaa nama dhowwu keessa jirti.

Bombi kalee ganda 02 buufata otoobusii fi gabaya biratti waraanii Liyuu Poolisii Somaalee darbate jedhaniin walumattuu nama 64tti madaa’ee kana keessaa afuritti dhumate.

Bombii tana lafa gabayaa namii itti gobbate biratti gadi dhiisan aka bulchootaa fi jiraattotii jedhanitti .

Akka poolisiin aanaa Mooyyalee Komaander Naggaa Sirbii jedhutti hardhallee nama lamatti ka bombiin nama fixuuf qophaahan bombii harkaa waliin qaban.“Dabarfamanii harka komaandi poostitti kennamaniiru.”

Obbo Kuluu Galgaluu aanaa Mooyyaletti bulchaa ganda 02ti. “Nama afuritti bombii tanaan lubbu dhabe.”

Obboo Waaqoo Afatuu itti aanaa itti gaafatamaa biiro koominikeeshiinii aanaa Mooyyaleeti. “Ummata gabayaa bahe irratti bombii darbatan buufataii konkolaataallee achii waan jiruuf namii hin baayyata.”

Nama fixan kana qaraa bombi itti darbatanii eegee ammoo kalaashii fi shugguxiin hadhani jedha.“Bombiin dhootee irraa baatee jennaan kalaashiin nama hadha.”

Gama kaaniin hardhallee waraana Liyuu Poolisii Somaalee keessaa hajajaa dhibbaa Aden Hasssan Jeersoo fi Kumaalaa Alii Aden Alii jedhan Mooyyalee ganda 01 keessatti bombiin nama fixuuf jedhani bombii waliin Mooyaletti qabaman. Jara kana waraana Itoophiyaatti ganama kana qabe.”

Mooyalee akka jiraattoti jedhanitti keessattuu bara 2009 asitti takkuma nagaan ooltee hin bullee “dhiitee bariitullee waraanuma himachaa dandhahee dadhamne waraanii Liyuu Poolisi Somaalee akkuma fedhe nu hadha,” jedhan.

Akka jecha obboo Kuluutti fulaan amma nama itti fixan tunilleen lafuma Raayyaan Ittisaa jalqaba Bitootessaa keessaa nama heddu itti fixe km 4 irraa fagaatti.

Humnii nagaa tiksu ka Oromiyaa nagaa keenna tiksuutti hin jiru jedhan jiraattotii.

Bombii kaleessa gabayaa Mooyyalee biratti darbatanin nama 64 madaa’e hardhallee waraana Liyuu Poolis bombin nama fixuuf jedhe lama bombi haraktti qaban
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:49 0:00

XS
SM
MD
LG