Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsi Godina Gujii Lixaa Keessatti Uumame Lubbuu Galaafate


Godina Gujii lixaa aanaa Qarcaa keessatti kamisa darbee qabee walitti bu’iinsa naannoo daangaa Ummattoota kibbaa Geedi’oo cina jiru irratti ka’een lubbuun namaa bade qabeenyaan barbadaa’uu jiraattonni naannoo, gareeleen mormituuf angawaan gama kibbaa nuuf ibsaniiru.

Biiroon Bulchiinsaa fi nageenya Oromiyaas humnoota rakkoo daangaa babal’isuuf yaalii godhantu uummata jeequuf sochii gochaa jira jechuun fuula Feesbuukii isaa irratti ibsa gabaabaa maxxansee jira.

Angawaa uummattoota kibbaa ka duraanii keessaa tokko akka ibsanitti

Haala amma jiruun waantin ani itti hin amanne tokko yoo jiraate lakkoobsi keenya asitti waan heddummaateef gara zoonii Kibbaat Geeidiootti cinna kan jedhu waan hundee hin qabaannee dha. Gaaffii sirriis miti jedhan.

Afaan Geedi’ootin haa barannu jechuun xalayaan gaafatame kan jedhus kan sirnaa miti. Dhimmi isaa qoratamuu qaba. Kanneen baqatanii gara Diillaatti ol dhufan akka jedhanitti lafa keenya irraa nuu deemaa nuun jedhan.

Uummanni kun lamaan daangaa irra waan jiraniif afaan walii dubbataa waliin yeroo dheeraaf kan jiraataa waan turaniif afaan walii dubbataa inni gamaa gamanatti darhee jiraataa ture. daangaaleen naannoo Kibbaa daangaa Oromityaatti dhiyoo jiran hollaa Oromiyaa ti malee lafti sun kan Oromoo ti jedhaniiru.

Walitti Bu’iinsi Godina Gujii Lixaa Keessatti Uumame Lubbuu Galaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:41 0:00

XS
SM
MD
LG