Xurree ittiin seenan

Breaking News

Socho’uuf Nama Na baatu Na Barbaachisa. Wal’anamuuf immo Maallaqa Hin Qabu: Barsiisaa Qanaasaa Raggaasaa 

Abbaa ijoollee shanii, yunivarsitii Finfinnee irraa barnoota seenaan digrii duraa argatanii ituu hin hidhamin dura waggootii 33f barsiisaa turan. Umriin isaanii 55 ta’uu dubbatu.

Godiina Wallaggaa bahaa magaalaa sibuu siree irraa waggaa lama dura kan qabaman barsiisaa Qanaasaa Raggaasaa mana hidhaa keessatti dararaa irra ga’een kan ka’e milli isaanii lamaan lafa ejjechuu waan dideef jecha hidhamtoota isaan waliin jirantu baatee mana murtii fi iddoo barbaachisaa ta’etti isaan geessaa ture.

Duraan okkolaa mana murtii duratti dhiyaataa fi haakima biratti na ergaa jechuun iyyataa kan turan ta’us booda irra gonkumaa milli isaanii lafa ejjechuu dide. Miidhaa na irra ga’eef yeroon wal’ansa fayyaa ituu hin argatin turuu kootu milli koo lamaan fi harki koo mirgaa akka Laamsha’uu godhe jedhan.

Abukaatoon barsiisaa Qanaasaa kan ta’an obbo Wandimmuu Ibsaa erga dhaddachatti dhiyaate ji’a lama darbee jira jedhanii turan. Manni murtii meerre jedhee yeroo gaafatu manni hidhaa ni dhukkubsata jechuun deebii akka kennu dubbatan. Manni murtii ajaja yoo kenne iyyuu hojii irra oolfamuu keessatti duubatti harkifannaan akka jiru muuxannoo irraa beekna jedhu.

Barsiisaa Qanaasaa Raggaasaa namoota dhuma torban darbee gadhiifaman keessaa tokko. Bakka jirantti bilbilee haasofsisnee jira. Caqasaa.

Socho’uuf Nama Na baatu Na Barbaachisa. Wal’anamuuf immo Maallaqa Hin Qabu: Barsiisaa Qanaasaa Raggaasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:35 0:00

XS
SM
MD
LG