Gumiin 13ffaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay ykn TPLF har’a magaalaa Maqalee keessatti jalqabamee jira.Dura ta’aa paartii fi itti aanaa bulchaannaannoo Tigraay Dr. Debretsion Gebre Mikaa’eel sirna baniinsa gumii kana irrattiakka ibsanti, "gumiin keenya jijjirama uummanni keenya eegu akka fiduuf qooda gama isaa kan gumaachu toora irra deemamuu qabu fi murtii darbuu qabu kan lafa kaa’uu hoggana dhaloota haaraa hiika qabu gumii kana irratti ni filatama jennee eegna," jedhan.
Hirmaattonis gumii kanaas murtii uummanni keenya eegu dabarsuun galafata wareegamtootaa haa eegnu moo? Shira biraa xanna jechuun gaafatan Dr. Debretsion.
Hunduu galfata wareegamtootaa qabatee waan uummata keenyaaf bu’aa buusuu seenaa gaabbisiisaa hin taane hojjachuuf qophii ta’u akkasumas kanneen gumii kana gufachisuuf bitaa fi mirgaan duula fi jette jettee ofamaa ture cinatti dhisuun uummataa fi uummata qofa kan fayyadu boqonnaa haaraa bulchiinsa keenyaaf ka labsuu ta’u qaba jedhan.
Biyyattifis bu’a-qabeessa kan ta’u murtilee seena qabeessa akka dabarsiitan nana amana jedhan Dr. Debretsion.
Itiyoophiyaa keessatti jijjiramnii argamee abdii qaba kan jedhan Dr. Dabretsion gama kaaniin jijjirama argamekanneen danqan sodaan ni jiru jedhan.