Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addi Dimokraatawaa Oromoo Jaarmayaa Keenya Biyyatti Galchuuf Ijibbaataa Ture: Doktor Bayaan Asoobaa


Dr. Beyaan Asoobaa, Dubbi himaa Adda Dimokraatawaa Oromoo
Dr. Beyaan Asoobaa, Dubbi himaa Adda Dimokraatawaa Oromoo

Addi dimokraatawaa Oromoo ykn ADOn mootummaa Itiyoophiyaa waliin karaa nagaa hojjechuuf gara biyyaatti deebi’uuf murteessuu isaa ibsa torban darbe baaseen beeksisee jira. Mootummaanis adda kana waliin marii eegaluu isaaf kanneen karaa nagaa adeesa siyaasa geggeessuu fedhan waliin hojjechuu kan barbaadu ta’uu beeksisee jira.

Dubbi himaan Adda Dimokraatawaa Oromoo Dr. Beyaan Asoobaa ibsa nuuf kennaniin yoo nuti gara biyyaatti adeemnu kanneen biroo dhaaf fakkeenya ta’uu dandeenyaa, uummati keenyas nu simata jennee abdii qabna jedhan.

Mootummaa waliin marii eegaluu isaanii fi torban lama yeroo hin guutne keessatti jilli dhaaba isaanii gara biyyaatti deemuuf kan jiru ta’uu illee dubbatanii jiran.

Dhaabolii siyaasaa qabsoo hidhannootti amanan kan akka Ginboot 7 waliin walii galteen hojjetaa ka turan dhiisan yoo ta’e illee gaafatamanii nuti duraanis taanaan sagantaa keenya siyaasaa kanneen karaa nagaa qabsoofna jennu jijjiirree utuu hin taane ejjennoo keenya qabannee waliin hojjetaa jirra. Ammas taanaan wal hubannoon ni jiraata jennee abdanna jedhan Dr. Beyaan.

Addi Dimokraatawaa Oromoo Jaarmayaa Keenya Biyyatti Galchuuf Ijibbaataa Ture: Doktor Bayaan Asoobaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:02 0:00

XS
SM
MD
LG