Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addi Dimokraatawaa Oromoo Jila Isaa Dhiyeenyatti Finfinneetti Akka Erguu Mootummaan ItiyoophiyaasMirkaneessee Jira


ODF
ODF

Addi Dimokraatawaa Oromoo jijjirama foyyeessuu Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru kan ilaleen jila mootummaa Itiyoophiyaa kan sadarkaa olaanaa waliin akka lakkoobsa Itiyoohiyaatti caamsaa 3 fi 4 bara 2010 mari’achuu isaa kaleessa ibsa baaseen beeksisee jira.

Walgahiin kun eessatti akka gaggeeffame garu ifa hin goone. Tarkaanfiin jijjiramaa fudhatamu kun akka babal’atu fi jajjabaatu akkasumas gad fageenya akka qabaatuuf gaafate.Knattis hirmaachuuf fedhii kan qabu fi kanaafis qophii ta’u jaarmayaan kun ibsa baase kana irratti beeksisee jira.

Addi Dimokraatawaa Oromoo kanas fiixaan baasuuf akkasumas marii jalqabame xumuura itti godhuuf jila sadarkaa olaanaa jaarmayichaa gara Itiyoophiyaatti kan ergu ta’u ibsa baaseen hubachisee jira.

Gama aaniin mootummaan Ripaablikii Demokraatawaa Fedeeraala Itiyoophiyaa har’a ibsa baaseen teessumii isaa biyya alaa kan ta’e adda Dimokraatawaa Oromoo waliin marii jalqabuu isaa beeksisee jira.

Angawoota jaarmayaa kanaa waliin duraanis mariin gaggeeffamee akka ture kan hubachiise ibsii mootummaa Itiyoophiyaa kun hogganni jaarmayicha guyyaa dhiyoo keessatti Finfinnee akka seenan hubachiise.

Yeroo kanattis mariin itti fuufa jedhamee kan eegamu ta’u hubachisee mootummaan gara fuula duraattis karaa nagaan kanneen biyya isaanii keessatti sochii siyaasaa jiruutti hirmaachuu barbaadan waliin mari’achuu fi walii galuuf qophii ta’u ibsii ba’e hubachisee jira.

Ibsii kun xumuura irratti paartiileen siyaasaa kanneen heera biyyatti fudhachuun karaa nagaa qabsaa’uuf barbaadan waliin dubbachuuf qophii ta’u ibsee haala kanaanis paartilee siyaasaa morkitoota ta’aniif waamicha dhiyeessuu isaa yaadachisee jira.

Addi Dimokraatawaa Oromoo Jila Isaa Dhiyeenyatti Finfinneetti Akka Erguu Mootummaan ItiyoophiyaasMirkaneessee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:00 0:00

XS
SM
MD
LG