Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjechaan Geggeessaa fi Hojjatoota Kaampaanii Daangotee Irratti Rawwatamee Qoratamaa Jira .Dr. Abiyy Ahmad


Simiintoo warshaa Daangootee
Simiintoo warshaa Daangootee

Itiyoophiyaatti hojii gaggeessaa kaampaanii Daangotee kan ta’an Diip Kamaaraa fi waahilonni isaanii lammii Itiyoophiyaa ta’an lamaan irratti ajjechaan Roobii Caamsaa 16 bara 2018 waaree booda gaggeeffame qoratamaa kan jiru ta’u mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyy Ahmad ibsanii jiran.

Sadanuu kokolaataan lafa warshaan simintoo Daangotee itti argamu godina shawaa lixaa aadaa bargaa irraa gara Finfinneetti deebi’aa ituu jiranii ajjechaan kun gaggeeffame.

Dr. Abiyy Ahmad Twitarii dhunfaa isaanii irratti akka barreessanti akkasumas marsariitii waaltaa infoormeeshin irratti akka tuqameetti du’a dhaqqabeen gadduu isaanii ibsan.

Ajjeechaa kana irratti qorannaan jalqabamuu isaa fi kanneen badii kana dhaqqabsiisan itti gaafatamtoota akka ta’uuf jiran Dr. Abiyyi ibsanii jiru.

Ajjechaan Rawwatamee Qoratamaa Jira .Dr. Abiyy Ahmad
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:19 0:00

XS
SM
MD
LG