Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lotarii Tombolaa Lammiin Lammiif Jedhame Qarshii Miliyoona Dhibba Shaniin Gurgurame. Koree


Lammiin Lammif
Lammiin Lammif

Uummata Oromoo bulchiinsa naannoo somaalee keessaa jireenya isaanii irraa godaansifamanii fi oromiyaa bakka adda addaa keessatti walitti bu’iinsa daangaa uumameen kanneen qe’e ofii irraa godaanan gargaaruuf an oolu lotoriin tomboolaa “Lammiin Lammiif” jedhu Dilbata darbee qophii Finfinnee keessatti gaggeeffame irratti ifatti gabaa irra ooluun isaa ibsamee jira.

Sirna kana irratti prezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa dabalatee aangawoonni sadarkaa adda addaa fi jiraattonni godinaalee Oromiyaa adda addaa aakasumas kan federaalaa fi kanneen biroon irratti argamuun ibsamee jira.

Dr. Abarraa Dheereessaa dura ta’aa koree qindeessituu gargaarsaa fi deebisanii dhaabuu lammiwwanii akka ibsanti tombola kana lammiwwan biyya laa keessa jiraatan karaa firoottan isaanii bitachuun deggersa gochuu akka danda’an ibsan.

Gatiin Tombolaa kana tokkoon isaa qarshii diigdama yoo ta’u kunis jireenya hawaasa sadarkaa adda addaa madaala keessa galchuun ta’uun ibsamee jira.Tombolaan kun gabaa irra akka oolu yeroo saganteeffameetti baatii sadiif gurguramee qarshii miliyoona dhibba shaniin argachuuf akka ture kan ibsan Dr. Abarraan maallaqa kan Dilbatatuuma darbee argachuuf milkoofne jedhu. Ta’uus garu amma iyyu tombolaa kana gurguruun itti fuufna jedhu.

Obbo Lammaa Magarsaa prezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa sirna kana irratti haasawaa dhagesiisaniin rakkoon godaansaa uummata keenyaa nu mudatee salphaa akka hin turre ibsan. Garu hirmaannaa uummata Oromoo fi kanneen Oromoo jaallataniin deggertoota mootummaa naannoo Oromiyaa cina dhaabataniin lubbuu kanneen qe’e ofii irraa buqqa’anii tursuu waan dandeenyeef galata guddaan dhiyeessa jedhan.

Marii Dr. Abarraa Dheereessaa fi mucayyoo walaloo dhageesiifte Seeneet Gizachoo waliin gaggeesine Caqasaa.

Lotarii Tombolaa Lammiin Lammiif Jedhame Qarshii Miliyoona Dhibba Shaniin Gurgurame. Koree
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:43 0:00

XS
SM
MD
LG