Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Shaambuu Keessatti Qeerroon Tokko Ajjeesamuun Mormii Kaase


Godinaa Horroo-guduruu Wallaggaa, magaalaa Shaambuu keessatti Jimaata dabre kana dargaggoon tokko ajjeesamuu irraa kan ka’e, Sanbata irraa jalqabee haga kaleessaatti mormiin cimaa tu geggessamaa.

Qeerroo dabalatee, uummatni magaalaa Shaambuu fi naannawa ishee, Sanbata dabre irraa jalqabee haga Wixata kaleessaatti, gabaa lagachuu fi karaa cufuudhaan mormii guddaa geggeessuu isaa, jiraattota magaalattii, bakka-bu’aa paartii mormituu fi bulchiinsa Godinaa Horroo-guduruu Wallaggaa tu VOAf ibse.

Godinichatti, bakka-bu’aan Kongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Dagabaas Waaqwayyaa, “mormiin sun kaka’uu isaaf sababaan guddaan dargaggoon Olii Margaa jedhamu, Jimaata dabre halkan ajjeesamuu isaa ti” jedhu. Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

Magaalaa Shaambuu Keessatti Qeerroon Tokko Ajjeesamuun Mormii Kaase
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:32 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG