Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechan Haacaaluu Qabsoo Oromoo Duubatti Hin Deebisu, Jedhu Hoggantoonni Paartii Mormituu


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Dura teechonni paartii mormiituu Oromoo an Koongresii Federaalaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Oromoo ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda Oromiyaa keessa rakkoo baayyeen jiraachuu dubbatan.

Dura ta’aan Koongresii Fedeeraalaa Oromoo, Dr. Mararaa Guddinaa, hooggansa paartii isaanii keessaa Obboo Baqaalaa Garbaa fo Jawaar Mohaammad akkasumas gaazexeessaa Hamzaa Booranaa to'annaa jala oolfamuu malee bakka jiran akka in beekne dubbatanii, ajjeechan artiist Haacaaluu qabsoo oromoo duubatti in deebisu jedhan.

Hogganaan Adda Bilisummaa Oromoo, Obboo Daawud Ibsaa gama isaanitiin Ajjeefamuun artiistii kanaa rakoo jabaa biyyatti muudate ta'uu himan. Haala biyya keessa jiru gaafatamanii interneetiin cufamuu fi bilbillis rakkoo godhachuurraa an ka’e waan jiru qulqulleefachuuf hoggansa dhaabichaatti rakko ta’u dubbatan.

"Ajjeechan Haacaaluu Qabsoo Oromoo Duubatti Hin Deebisu"
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:31 0:00


XS
SM
MD
LG