Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miidiyaan Hawaasummaa Oromoo #HaacaaluuHundeessaa Jechaa Oole


Artiist Haacaaluu Hundeessaa

Weellisaa fi barreessan muuziqaa dandeettii addaa jiruuf jireenya, rakkinaa fi ballina uummata Oromoo artii fayyadamee dhiheessudhaan  uummaticha biratti  kabaja guuddaa qabu, artiist Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuun uummata Oromoo rifaatuu guddaa keessa seensiseera. 

Oduun ajjeefamuu artiist Haacaaluu erga dhagahamee qabee miidiyaan hawaasummaa Oromoo; Maqaa Haacaaluu, Suuraa Haacaaluu, sagalee Haacaluu malee wanni biraa maxxansaa in jiru.

Miidiyaan Hawaasummaa Oromoo #HaacaaluuHundeessaa Jechaa Oole
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:13 0:00

Haashtaagii #HaacaaluuHudeessaa jedhu fayyadamuudhan dinqisiifattoonni isaa, artiistonni Oromoo fi hiriyoottan Haacaaluu, akkasumas hooggantoonni Itoophiyaa ol aanoon gadda isaanii ibsachaa jiran.

Ogeessii fiilmii fi dookmantarii akkasumas daayreektariin sirboota Haacaaluu an akka “Maalan Jiraa,” Amensiisaa Ifaa Feesbuukii irratti “gubadhekaa maalan sii godhdha” jechudhan halkan edaa bakka reefii artiist Haacaaluu ture hoospitaala irraa maxxanse.

Faatumaa Badhaasoo, shamarreen Oromoo kessattu twiterii fi feesbuukii irratti beekkamti qabdu akkana jette

“ Afuura baafachuun dadhabe. Goota qixa kumaa. Seenaan kee bara baraan jiraata.’

Hooggantoota Itoophiyaa keessaa,

Itti aanaa kantiiban magaala Finfinnee, injinar Taakkalaa Uumaa “Keessaa kootu booye, laphee kootu madaaye……… Yartuun nama galaafatti,”jechuudhan Kaleessa halkan feesbuukii irratti maxxanse.

Muummeen ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimadi karaa isaanii, “Lubbuu qaalii ta'e dhabneerra. Edda lubbuun aartiistii dargaggeessa dinqii Haacaaluu Hundeessaa darbuu dhageenyee warra gadda guddaa keessa jirru hundaaf jajjabinan hawwa. “ jechuudhan qorannoon geggeemfamaa jiraachuu fi bu’a san eegaa jirachuu ibsan.

As Yunaaytid Isteets keessatti kaleessa waaree booda hawaasni Oromoo bakka jirutti walitti qabamuu jalqabe. Hawaasni Oromoo Siyaatle, Minisootaa, Waldaan amantaa Ortoodoksii Oromoo an Washigitan Diisii fi dhaabileen adda addaa sagantaa karaa Feeesbuukiitin tamsaasaa turaniin rifaatuu fi gadda ajjeefamuu artiistii Oromoo beekkamaa kanaan itti dhagahame ibsachaa turan.

Oromoo malees haawasa Itoophiyaa kaan biraa rifaatuu isaanii an ibsan baayyedha.

Gaazexeessan Itoophiyaa, Zakaariyaas Zalaalam, twiiterii irratti “oduu ajjeefamuu artiisti Haacaaluu dhagahaan jira, kun bakka malee na xuqe,” erga jedhee booda ‘Haacaaluun artiistota yeroo kanatti beekkamtii guddaa qaban keessayi, duutii isaa masarata biyya tanaa sossoosa,” jechuudhan yaada isaa xumure.

Namoonni kaan immoo suuraa yeroo nagahaa artiist Haacaaluu wajjin ka'an maxxansan.

Artiist Seenaa Salamoon suuraa haadha Haacaaluu fi Haacaaluu wajjin tana dura kaate maxxansite; “Maaluma jetta laata haadha gootaa. Waggaa tokkollee odoo hin guutin ijoolllee kee lama awwaalteem. Biyyoon sitti haa salphatu Haceekkoo.”

Karaa kaaniin Miidiyaawwan addunyaa bebbeekamoon an akka Niw Yoork Taayims, Rooyters, fi Aljeziiraa illee marsariitii fi sabaa himaalee isaanii irratti ajjeefamuu artiist Haacaaluu Hundeessaa gabaasaniiru.

Yaadawwan Ilaali (2)

XS
SM
MD
LG