Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa Artiist Haacaalutin Walqabatee Namoonni Shakkaman To'annaa Jala Oolfamuun Himame


Artiist Haacaaluu Hundeessaa
Artiist Haacaaluu Hundeessaa

Guyyaa kaleessaa galgala keessaa naannoo sa’aatii sadii fi walakkaa rasaasa namoota hin beekamin biraa dhukaafameen lubbuun isaa kan dabarte du’uu artist Haacaaluu Hundeessa ilaalchisee guyyaa har’aa sabaaa himaa biyya keessaaf ibsa kan kennan komiishiner jeneraala poolisii federaalaa Indeshaaw xaaseew maqaa dha’uu dhaan daayiriktera kominikeeshinii kan ta’an obbo Jeelaan Abdii namoonni gocha kana raawwatan jedhamuun shakkaman to’annaa jala ooluu isaaniinii ibsaniiru.

Qoranaan sun qulqullaa’ee ennaa xmuramu uummataaf ifa akka ta’u ibsanii uummati haala tasgabbii qabuun gadda isaa akka ibsu gaafataniru.

Kaleessa galgala bakka Galaan jedhamuun beekamutti rasaasaan dha’amee lubbuun isaa darbuun kan ibsame artist Haacaaluu Hundeessaa reeffi isaa bakka dhaloota isaa magaalaa Amboo mana maatii isaatti geessamee jira.

Ajjeechaa Artiist Haacaalutin Walqabatee Namoonni Shakkaman To'annaa Jala Oolfamuun Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:47 0:00


XS
SM
MD
LG