Xurree ittiin seenan

Breaking News

Finfinneen Har’a Cufaatti Oolte. Magaalaalee Adda Addaa Keessatti Walitti-bu’ansa Uumameen Miidhaan Du’uu fi Madaa’uu Dhaqqabe Jedhama


Finfinnee guyyaa harraa
Finfinnee guyyaa harraa

Ajjeechaa weellisaa beekamaa fi jaallatamaa Haacaaluu Hundeessaa irratti raaw’atame balaaleffachuudhaan, ka mormiin guddaan keessatti ka’ee turee fi waa’ee reeffa isaa gara Amboo geessuu fi dhiisuu irratti ka kaleessa walitti-bu’unsi keessatti uumame, magaalaan Finfinnee har’a akkuma cufamtetti dilallooftee oolte jedhama.

Geejjibni uummataa, dhaabbatoonni daldalaa irra-hedduun, tajaajilli interneetii fi bilbila mobaayiliis akkuma cufamanitti jiran.

Gama biraatiin, magaalaalee naannoo Finfinnee jiran, kanneen akka Buraayyuu fi Sabbataa keessatti, akkasumas, magaalaalee Oromiyaa ka biroo akka Itayyaa, Shaashemannee fi Jimmaa faa keessatti walitti-bu’insa hiriirtota mormii fi qaamota mootummaa gidduutti uumameen, lubbuun namaa dhabamuu fi miidhaan qaamaa dhaqqabuu, akkasumas qabeenyaan manca’uu tu himame.

Kana irratti gabaastuu VOA – Tsahaay Daamxoo Finfinnee irraa dubbisnee jirra.

Guutummaa isaa caqasaa

Finfinneen Har’a Cufaatti Oolte
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:08 0:00


XS
SM
MD
LG