Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan COVID-19 Ittisuu Ilaalchisee Daandii Gaarii Qabachun Himame


Lammiiwwan Ameerikaa miliyoonaan laka’aman talaallii vaayiresii koronaa fudhataa ennaa jiran kanatti, biyyattiin daandii sirrii qabatteetti jechuu dhaan hayyuun dhimma dukkuboota daariqaa Yunaayitid Isteetis tuqanii, garuu lakkoobsa namoota US keessaa vaayiresichaan qabamanii of eegganoo dhaan dubbatan.

Dr. Antonii Faauchii sagantaa TV NBC “Meet the Press” jedhuuf akka ibsanitti ennaa guyyaatti namoonni 60,00 ta’an vaayirsiin qabamuu argitu yeroo mara balaa ka biroon ka’uu mala jechuun akeekkachiisan.

Uummati keessumaa maaskii kaayyachuu dhaan ulaagaa eegumsa fayyaa akka eegu waamicha dabarsaniiru.

Kampaniin dawaa oomishu AstraZeneca kaleessa akka ibsetti galmee isaa irratti xiinxala geggeesseen ta’aalliin COVID-19 inni oomishe dhiigi akka ititiif sababaa ta’e ka jedhemeef ragaan tokko iyyuu hin argamne jedhe.

Galmeeleen of eeggannoo sirriitti xiinxalameera jechuun illee ibsee jira. Uummati miliyoonni 17 Briteen fi gamtaa Awrooppaa keessaa talaallii kan fudhatan yoo ta’u, Ireland fi Netherlands kanneen talaallii kana sababaa dhiiga iticha jedhameef fayyadamu dhaabanitti Denmark, Norway fi Icland dabalamaniiru.

Kampanichi kan ibsetti dabaluu dhaan dhaaboliin dawaa Awrooppaa fi jaarmayaan fayyaa adunyaa sababaa talaallii AsttraZeneca-n kan ka’e dhibeen dhiigi itituu dhaqqabuu isaaf ragaan hin jiru jedhanii jiran.

Ameerikaa kibbaa keessaa Chiileena addunyaa irraa baay’ina lakkoobsa namoota talaallii fudhatanii hedduu yoo qabaattu, hamma dilbata kaleessaatti uummata biyyattii nuusa ta’u tallaalamaniiru.

XS
SM
MD
LG