Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Dooktors Wiizawut Boordersi Keellaaleen Eegumsa Fayyaa Tigraay Saamamuu Mirkaneesse 


Hoospitaala Shiraaroo keessatti kutaa baqaqsanii hodhuu miidhaan irra gahe, Tigraay (suuraa Ap-n Medecins Sans Frontieres irraa argate)
Hoospitaala Shiraaroo keessatti kutaa baqaqsanii hodhuu miidhaan irra gahe, Tigraay (suuraa Ap-n Medecins Sans Frontieres irraa argate)

Keellaaleen eegumsa fayyaa naannoo Tigraay, saamamaniiru, caccabaniiu, beekaa haleellaan irratti raawwachuu isaa gareen doktoronni daangaan hin uggurre, Dooktors Wiizawut Boordersi beeksisee jira.

Gareen gargaarsa namoomaa kun har’a akka gabaasetti walakkeessa baaii Muddee hanga jalqaba baatii Bitootessaatti qorannaa geggeessameen keellaalee eegumsa fayyaa 106 keessaa dhibba irraa harki 70 kan saamaman yoo ta’u kanneen dhibba irraa harka 30 ta’an immoo miidhaan irra ga’ee jira. yeroo ammaa dhibba irraa hara 13 qofti hojii irra kan jiru ta’uu illee gareen kun gabaasee jira.

Uummata Tigraay kanneen miliyoona 6 ta’aniif hedduu yaaddessaa ta’uu qorannaan kun ibsee jira. humnoonni mootummaa fi michoonni isaanii hoogganoota TPLF adamsaa ennaa adamsaa jiran kanatti lolli itti fufee jira.

Daayirikterri ol aanaan kan Doctors without Borders Oliver Behn akka jedhanitti haleellaaleen waaltaalee eegumsa fayyaa Tigraay irra ga’an uummaticha akkaan miidhaa jira. Seera namoomaa kan sadarkaa addunyaa bu’uura godhachuu dhaan ennaa walitti bu’iinsi jiraatu waaltaalee eegumsa fayyaa fi hojjettoota isaaf eegumsi godhamuu aba. Kun mul’inatti Tigraay keessatti hin taane jedhan.

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed waraansa sana dhaabanii yakka waraanaa dalagame jedhameef qorannaan tokkummaa mootummootaan hoogganamu akka geggeessamu dhiibbaan irra kaa’amee jira. Qeeqxonni mootummaa akka jedhaniti mootummaan ofii isaa sirriitti qorachuu waan hin dandeenyeef orannaan federaalaa amma geggeessamaa jiru ga’aa miti jedhan.

Keellaaleen eegumsa fayyaa Tigraay keessaa shan keessaa tokko loltootaan qabamee jira .keellaaleen hangi tokko immoo irra hedduun isaanii gareelee hidhataniin qabamanii erga turanii booda amma ambulaansii argatniiru jedha qorannaan Doctors without bordersiin ba’e.

Gareen kun akka jedhutti baatii arfan darban keessa dubartoonni ulfaa hangi tokko qofti kunuunsa da’umsa duraa fi boodaa kan argatan yoo ta’u, daa’imman dhalatan talaallii waan hin argatiniif gara fuula duraatti daariqa ykn infekshiniin miidhamuu danda’u jedhee jira ibsi garee Doctors without borders.

XS
SM
MD
LG