Xurree ittiin seenan

Breaking News

'Ammaa Rakkoon Nageenya Mooyyalee Hin Furamin jira' – Jiraattota


Faayilii - Jiraattota Moyyaalee gara Keeniyaa baqatanii bufata baqattootaa Soomaaree jiran, Keeniyaa, Bitootessa 27, 2018

Mooyyaleetti ammas nageenyi magaalattii rakkisaa ta’uu jiraattonni dubbatan. Sanbata darbe ammas hidhattoonni naannoo Soomalee dhufan jedhaman utuu boombii sabatti darbachuuf jedhanii harkatti dhoo’uu jiraattonni magaalattii ni dubbatu.

Harras hidhattoonni kun daandii magaalattii guddicha dhakaan cufanii akka jiran dubbatanii, humni naga kabachiistotaa ka Mootummaa federaalaa waan irraa eegamu raawwataa hin jiruu jechuun komatan.

Ajajaan poolisii Aanaa Mooyyalee koomander Neggaa Tirbii, boombiin kun dhoohuun dhugaa akka ta’e Raadiyoo VOA’f yoo himan hoogganaan waajjira dhimmi nageenyaa ka aanaa Mooyyalee Obbo Nigaatuu Kaasahun komiin uummatni humnoota federaalaarratti kaasee dhugaa dha jedhan.

Galmoo Daawit dabalata qaba.

'Ammaa Rakkoon Nageenya Mooyyalee Hin Furamin jira' – Jiraattota
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:56 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG