Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Jabuutii Daawwatan


Djibouti President Ismaïl Omar Guelleh, right, welcomes Ethiopian Prime Minister Abiy Ahmed at Ambouli International Airport, April 28, 2018. (T. Muse/VOA)
Djibouti President Ismaïl Omar Guelleh, right, welcomes Ethiopian Prime Minister Abiy Ahmed at Ambouli International Airport, April 28, 2018. (T. Muse/VOA)

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahimed dawwannaa isaanii biyyootii alaa ka jalqabaa kan geggeessan xumura torban darbee ture.

Jabuutiin immoo biyya daawwannaa isaanii jalqabaa taatee jirti.

Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Jabuutii Daawwatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:02 0:00

Ministriin dhimma alaa akka jedhetti Jabuutiin muummicha ministeerichaaf biyya daawwannaa jalqabaa ta’uun utuu hin eegamin hin turre.

Hariiroon Jabuutii waliin jiru adda jedhu dubbi himaa ministrii dhimma alaa Itiyoophiyaa kan ta’an obbo Mallas Alem.

Jabuutii fi Itiyoophiyaa kan walitti hidhan dhimmootii hedduu kan hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaatu jira jedhan.

Walitti hidhati dinagdee biyyoota lamaan gidduu jirus ol aanaa ta’uu obbo Melles yaadachiisaniiru. Itiyooophiyaan buufata doonii Jabuutii gargaaramuu ishee fi biyyoota lamaan gidduutti kan jalaqabme geejjibi baaburaa immoo akka fakkeenyaatti kan tuqan keessaa ti.

Misooma buufata doonii keessatti gamtaan hirmaachuuf Jabuutiinis waaltaalee Itiyoophiyaa keessaa filataman keessaa qooda akka qabaatu walii galtee irra ga’amuu isaa dubbi himaan kun ibsaniiru. muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahimed yeroo dhiyootti biyyootii hollaa ka biroo daawwachuuf kan jiran ta’uu dubbi himaan kun tuqaniiru. Biyyoonni isaan daawwatan kan beeksisaman garuu itti fufiinsaa fi adeemsaan ta’uu ibsanii jiru jedha Iskinder Frew Finfinnee irraa.

XS
SM
MD
LG