Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Ibsa Dhugaa fi Ifaa Abboota Gadaa Irraa Argadheetti Guddaan Dinqame”


“Ibsa Dhugaa fi Ifaa Abboota Gadaa irraa Argadheetti Guddaan Dinqame”: Mootummoota Gamtoomanitti koominisharri ol’aanaa Koomishina Mirga Dhala-namaa, Ze’iid Ra’aad Al Huseen
“Ibsa Dhugaa fi Ifaa Abboota Gadaa irraa Argadheetti Guddaan Dinqame”: Mootummoota Gamtoomanitti koominisharri ol’aanaa Koomishina Mirga Dhala-namaa, Ze’iid Ra’aad Al Huseen

Dhabbata Mootummoota Gamtoomannitti Koominisharri ol’aanaan Koomishina Mirga Dhala-namaa, Ze’iid Ra’aad Al Huseen dawwannaa hojii guyyaa afurii Itoophiyaatii geggeessan kalleessa xumuran.

“Ibsa Dhugaa fi Ifaa Abboota Gadaa Irraa Argadheetti Guddaan Dinqame”
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:50 0:00

Ze’iid Itoophiyaatti oggaa imalan kuni an lammataati. Bara 2017, Caamsaa keessa biyyatti dhaqanii baaka bu’oota mootummaa, hoggantoota paartii mormituu, dhaabbilee miti mootummaa fi namoota mana hidhaa Qilinxoo jiran amma tokko dubbisanii turan. Ogaas naannoo Oromiyaa fi Amaaraa -naannoolee dhiittan mirga dhala namaa hammaataa jira jedhame - akka qorataniis ta’e kotteedhan ijjatan in eeyyamamneef.

Dawwanna isaanii tibbanaa garuu sanirraa adda ta’u dubbatan odeeffannoo marsariitii Dhabbata Mootummota Gamtoomanii irratti dabarsaniin. Dabaludhanis,

“ Afferraan nu ergame Oromiyaa akka dhaqnu nuu ayyamamuu agarsiisa. Haluma saniinis gara Oromiyaa imalee hoggantoota Addaa fi bulchiitoota sadarkkaa naannootiin wal argee maria’dheera” jedhaniiru.

An affeerraman mummicha ministiraa haaraa Dr. Abiyyi Ahmadiini.

Kooomishinarrichi Hojjaa-dura darbe garee isaanii wajjin Bishooftuutti argamanii yeroo Abootii Gadaa wajjin mar’aiaanitti, “bakka buutoonni mootummaa Itoohpiyaa jiratanillee akkaatan itti abbootiin gadaa cichanii dhugaa, haala ifaa fi ballaa ta’een (sodaa tokko malee) dubbatan, roorroo qaban lafa godhan an dinqisiifamu ture,” jechuudhan ibsa Roobii kaleessaa dawwannaa Itoophiyaa akkuma xumuraniin basanirratti himan.

Abbootiin Gadaa rakkina gama mirga dhala namaatiin jiru hidda jabeefatee jiru hiikuuf bulchiinsa haaraa wajjin hojjachuuf hawwii guddaa agarsiisanirus, jedha ibsichi.

Odeeffannoo kara marsariitii dhabbata mootummoota Gamtootaniitin dabarsan irratti

“ Akkaataa itti haala jiru hawwii fundura wayyaahaa qabaachuutiin ibsan na hawwachuu isaan dubbachuu barbaada. San malees, abbootiin gadaa barbaachisummaa haala biyyatttii keessatti ta’aa ture qorachuu fi barbaachisummaa itti gaafatamummaa fudhachuu qaroomiinaan naa ibsan. Kana keessayis qooda fudhachuu barbaadan. Karoorri muumichi ministiraa jijjiirrama gadi faagaatee fiduuf dubbatan akka hojiirra oolufillee mootoummaa qarqaaruu barbaadan,” jedhan Za’id.

Mootummoota Gamtoomannitti Koominisharri ol’aanaan Koomishinii Mirga Dhala-namaa, Dturtii isaanii Itoohpyaatii keessatti barattoota Yunvaristii Finfinnee, bakka bu’oota dhaabbilee miti mootummaa, bloogaroota, abbootii amantii, fi hoggantoota paartii mormituu wajjin wal-gahanii yeroo mari’atanitti akka itti lammiiwwan biyyatti kun barbaachisummaa kabaja mirga dhala namaa itti ibsaanii dinqisiifachuu fi onnachuu dubbatan.

“Labsiin yeroo atattamaa akka kaafamu, namoonni ammallee hidhaa keessa jiran akka gadhiifaman, manneen hidhaa kaaniis akka cufaman yeroo gaafatan, hundi isaanii bifa gamtaahaa ta’eeni.”

Kara biraatiin, Gama mootummaa irraa, koomishinar Ze’iid muumicha ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimaad dabalatee hoggantoota olaanaa wajjin wal-gahaniiru.

Guyyaa kaleessaammoo, Mootummoota Gamtoomanitti Wajjira Koomishinii Mirga Dhala Namaa Damee Biyyota Baha Afrikaa fi mootummaa Itoohpiyaa eddutti waliigaltee mallatteesuu an ibsan koomishinarichi, mootumman Itoophiyaa barbaachisuummaa wajjira kanaa hubachuu gammachuudhan fudhanas jedhan.

Guddinni Itoophiyaan gama diinagdeen galmeesitu itti fufee lammiiwwan hundi akka irraa fayyadaman, namoonni yaada qaban sodaa malee walabaan akka ibsatan biyya tatee arguu baarbaanna an jedhu ibsi koomishinerri ol-aanaan Mootummoota Gamtoomanii, dhumarrattis “kaayyoon keenya tokko. Innis, mirgi lammiilee Itoophiyaa hundaa guutumaan guuuutti akka kabajamuu,” jedha.

XS
SM
MD
LG