Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komiishinerri Mirga Namaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Finfinnee Daawwatan


Dhimma mirga namaa ilaalchisee qaamotii ol aanoo gamtaa Afriikaa fi tokkummaa mootummootaa gidduutti mariin ennaa geggeessamu kun isa jalqabaa ti.

Ganama sa’a sadii irratti baniinsa wal ga’ii kanaa irratti haasaa kan dhageessisan komiishina tokkummaa mootummootaatti komiishinera ol aanaa kan ta’an Zaayiid Raad Al Huseen mariin sun uummata ardittiif carraa jijjiiramaa fiduu akka danda’u abdii qaban ibsaniiru.

Jalqaba haasaa isaanii irratti addunyaa irratti nagaa waarinsa fiduuf qajeelfamoonni ijoon haqa tokkummaa fi kabajaan ilma namaa kan isaan keessatti argaman mirga namaa keessatti ta’uu hubachiisaniiru.

Fedhii bu’uuraa kan ilmaan namaa kana addaan baasaanii lammiiwwan ilaalan illee bifa mormuun akkas jedhan.

Mirgi dhala namaa dhuma irratti waan itti yaadan miti. biyyoonni hojiin misoomaa erga raawwatamee booda dhimma sadarkaa lammataatti itti yaadanis miti.nagaan erga buufatee booda projektii hojjetamus miti. Mirgi namaa boba’aa misooma saffisu.

Mirgi namaa dhakaa bu’uuraa misoomni irratti ijaaramu jedhan.

Komiishinerri Mirga Namaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Finfinnee Daawwatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:16 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG