Xurree ittiin seenan

Breaking News

Donaald Yaamamato Asmaraa Seenan


Dhimmotii Afrikaaf aangawaa sadarkaa olaanaa kan AmerikaA ka ta’an DonAald Yaamamato Dilbata kaleessaa Asmaraa seenuu isaanii ministriin dantaa alaa Amerikaa beeksisee jira.

Yaamaamotoon torban tokkoof biyyoota Afrikaa gama bahaa sadii daw’achuuf jiru.Dhimmootii Afrikaaf itti aanaa ministeeraa ka ta’an aangawaan kun guyyaa sadiif dawannaa hojii Ertraa keessatti gaggeessaniin aangawoota Ertraa waliin dubbachuuf, hawaasa Diploomaatootaa wajjin wal arguuf akkasumas hojjattoota embaasii Amerikaa kanneen Asmaraa keessa jiran daw’achuuf ka jiran ta’u ministriin dantaa alaa Amerikaa ibsee jira.

Sana booda jila Amerikaa hogganuun Ebla 24 fi 25 gara Jabuutiitti dhaquun dhimma siyaasaa, dinagdee, gargaarsaa fi wal ta’iinsa nageenyaa irratti mari’atu.

Ambaasaaddar Yaamamooton dhuma irratti Ebla 26 Itiyoohpiyaatti goranii aangawoota sadarkaa olaanaa wajjiin fedhii fi yaaddoo waliin qaban irratti mari’atu.

XS
SM
MD
LG