Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maatiin koo hidhaa keessa akkan jiru waggaa 5 booda baran: Haliimaa Abdii


Haliimaa Abdii
Haliimaa Abdii

Dararaa mana hidhaatti nu irra ga’erraan kan ka’e nu jiraannee arguu baannus kaayyoon hidhamneef milkaa’uuf jira: Ifaa Gammachuu

Shamarranii fi dargaggoota gidduu kana hiikaman keessaa Haliimaa Abdii Mohaammad fi Ifaa Gammachuu Lataa ti. Haliimaa ykn Biiftuun godina Baalee irraa yeroo qabamte umurii ishee 16ffaa hin xumurre. Waggaa 8 fi baatii 5 hidhaa keessa akka turte dubbatti.

Yeroo itti qabamte akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 2002 akka ture himtee eega waggaa 5 hidhamtee booda maatiin ishee eessa akka jirtu baran.

Ifaa Gammachuu
Ifaa Gammachuu

Dargaggoo Ifaa Gammachuu gulaalaa gaazexaa Leelloo, wellisaa fi waa’ee Afaan Oromoo irratti hojjetaa ture.

Yeroo Adaamaa keessaa hiriyaa isaa waliin qabametti mana hidhaa 7 keessa akka ture akka warqeen abdiddaan qoramu sana haala suukaneessaa keessa darbuu isaa bo’ichaan ibse. Dararaa mana hidhaa keessatti nu irra ga’e irraan kan ka’e kaayyoo hidhamneef nu jiraannee arguu baannus milkaa’uuf jira jedha.

Guutuu gaaffii fi deebii kanaa caqasaa

Maatiin koo hidhaa keessa akkan jiru waggaa 5 booda baran: Haliimaa Abdii
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:11 0:00

XS
SM
MD
LG